Xurree ittiin seenan

Breaking News

Luba Dr. Tolosaa Guddinaa: “Namnii Ergaa Koo Hubachuudhaaf Yaada Koo Hubachuutu Irra Jira”


Faayilii - Hiriira mormii Oromiyaa. Abbootiin amantii mandii keessatti uummata waliin hiriiruu isaanitiif hidhaman
Faayilii - Hiriira mormii Oromiyaa. Abbootiin amantii mandii keessatti uummata waliin hiriiruu isaanitiif hidhaman

Dhiyeenya kana Luba Dr. Tolosaa Guddinaa Waldaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa Atlaantaa jiru irraa barsiisni wangeelaa mata-duree “Nagaa” jedhu jalatti dhiyeessanii fi miidiyaa hawaasummaa akkasumas marsariitii adda addaa irratti tamsaafame falmii hanga tokko kaasisee jira.

Luba Tolosaa Guddinaa Raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanitti “Namnii ergaa koo hubachuudhaaf yaada koo hubachuutu irra jira” jedhu.

Waluumaa gala ergaan lallaba isaanii kan inni irratti qiyyaafatee fi akkaataan namoonni itti hiikkatan adda addummaa qabaachuu isaa dubbatu. Kanaaf jecha ergaan isaanii inni sirriin maal akka ta’e ibsanii jiru.

Luba Dr. Tolosaa Guddinaa waliin marii gaggeeffame irratti dhiyaatanii hiika wangeelaa kan ilaaleen yaada isaanii kan nuuf ibsan immoo Luba Guddataa Gunjaa waldaa warra wangeelaa Afaan Oromoo Danvar Koloraadoo Irraa ti.

Kana Cuqaasuun Gaaffii Deebii Gaggeeffame Caqasaa

XS
SM
MD
LG