Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqataan Biyya Kaanii Gargaarsa Argatee Kan Oromoo Garuu deeggarsa Dhabe Jedhu Baqattoonni Faransaay Jiraatan


Baqataa Oromoo dahoo bosona Faransaay 'The jungle jedhamuu keessa jiraachaa ture Onk. 24, 2016
Baqataa Oromoo dahoo bosona Faransaay 'The jungle jedhamuu keessa jiraachaa ture Onk. 24, 2016

Biyya Faransaay magaalaa Paaris irraa sa’aatii tokkoo fi walakkaa fagaatee bakki jiruu fi Jangle jedhamu daangaa Faransaay fi Ingilaand irratti argama. Magaalaan isaa kaalee jedhama.

Bakki kun baqattoonni seeraan ala biyyattii seenan qubsuma yeroofii tolfatanii bakka jiraatan. Baqattoonni bakka kana jiraatan baaburaa fi konkolaataa dhaan gara Ingilaanditti ce’uuf yaalu.

Akka baqattoonni bakka sana jiraatan jedhanitti baqataa kuma 15 ta’utu laastikaan qubsuma ijaarrate keessa jiraata.

Baqataan Oromoo waggoota muraasa dura godaanee yeroo ammaa gamas jiraatu. Dargaggoo Abdii Soolan haala baqattoonni Jungle keessaa maal akka fakkaatu kan ijaan arge nuuf ibsee jira. Hanga danda’ametti baqattoota kanneen biroo waliin ta’uun afaan hiikuu fi galmeessuu dhaan gargaaraa jirra jedha Abdiin.

Baqataa ka biroon eeyyama jireenyaa hin arganne qubsummi jangle sun diigamnaan mootummaan achii kaasee gara Kaaba Faransaayitti nu geessaa jira jedhu jiru tokko akka jedhetti hawaasa ofii biraa illee gargaarsi nuti arganne waan hin jiraanneef keessumaa ijoolleen umuriin isaanii waggaa 18 gad ta’an boodatti hafaniiru. Nuunis bakka isaan itti nu geessan hin beeknu. Itti adeemnee hubannaa jedhe.

Dubbi himtuun dhaaba baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa Celine Schmitt Mooraa Kalee ka Faransaay irraa VOAf akka ibsanitti mooraan kun mootummaa Faransaayiin diigamuu isaa beeksisaniiru. UNHCR mooraan sun diigamuu simatee jira sababiin isaas namoonni achi jiraatan haalli isaan keessa jiran fedhii bu’uuraa kan hin guunne waan ta’eef jedhan.

Kanaaf namoonni 1900 ta’an Jungle gad dhiisanii waaltaalee keessa qubatan kanneen Faransaay keessaatti imalaniiru jedhan.

Ijoolleen kun irra hedduun kanneen Kaalee Jungle keessa jiraatan Sudaan, Afgaanistaan, Itiyoopiyaa fi Eeritraa irraa ti jedhan.

Gabaasa sagalee kutaa 1ffaa

Gabaasa sagalee kutaa 2ffaa

XS
SM
MD
LG