Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Biyyi Nagaa Dha Jedha Mormitoonni Immoo Uummata Hidhaatti Guuraa kaan Saamaa Nagaa Maaliitu Jira Jedhu


Minsiteerri waajjira kominikeeshinii Itiyoopiyaa, Obboo Geetaachew Reddaa
Minsiteerri waajjira kominikeeshinii Itiyoopiyaa, Obboo Geetaachew Reddaa

Minsiteerri waajjira kominikeeshinii Itiyoopiyaa Geetaachew Reddaa labsiin yeroo hatattamaa bu’aa barbaachisu argamsiisuu dhaan biyyattiin akka tasgabbooftu godhee jira jedhan. Mnistrii dhimma alaa US keessa jiranii fi Itiyoopiyaan nageenya argachuu ishee amanuu hin feenetu jiru jedhaniiru.

Mootummaan Itiyoopiyaa ministriin dhimma alaa US imala biyyattii ilaalchisee akeekkachiisa inni kennetti mufatee jira.

Ministriin dhimma alaa US jimaata darbe akeekkachiisa imalaa kenneen sababaa jeequmsa keessumaa Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keesatti ka’ee lubbuu nama hedduu galaafate kumaan kanneen laka’aman hidhaatti naqamanii qabeenyaa hedduun barbadaa’eef jecha lammiiwwan isaa imala barbaachisaa hin taane gara Itiyoopoiyaatti godhan irraa akka of qusatan gaafatee jira.

Mootummaan Itiyoopoiyaa jalqaba baatii kanaa labsii yeroo hatattamaa baatii ja’aaf kan turu labsuun isaa ni yaadatama.

Ministeerri waajjira dhimmootii kominikeeshinii Itiyoopoiyaa Geetaachew Reddaa akka jedhanitti labsiin yeroo hatattamaa bu’aa gaarii buuseen biyyattiin akka tasgabbooftu godhee jira. Ministrii dhimma alaa US keessa kanneen jiran hangi tokko garuu Itiyoopiyaan tasgabbii argachuu ishee kan hin simanne jiru jedhan.

Akka carraa ta’ee namoonni ministrii dhimma alaa keessa jiran hangi tokko sababaa dhugumatti nama dhibu dhiyeessuu dhaan akeekkachiisa imalaa akka kaa’amu godhan. Namni ministrii dhimma ala sana keessa jiru Itiyoopiyaan nagaa argachuun ishee kan isa yaaddessu waan jiru fakkaata.

Sababiin isaas akeekkachiisa sana keeyyata jalqabaa yooilaalte biyyattii keessa jeeqamni akka jiru akka amantu si godha. Biyya kana keessa jeeqamni deemaa jiru hin jiru jedhan.

Dura ta’aa kongresa federaalawaa Oromoo Dr. Mararaa Guddinaa obbo Geetaachoon biyyattiin nagaa ka jedhan uummata saamuu fi dararuu akkasumas jamaa hidhaatti naqaa utuu jiranii ti jedhan.

Getachoon jalqaba baatii kanaa VOA waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin mootummaan isaanii hiriira farra mootummaa sana keessaa harki humnoota alaa jiraachuu ragaa qabna jedhanii turan, garuu ragaan sun maal akka ta’e dubbachuuf tole hin jedhin hafan.

Gabaasa sagalee dhaggeeffachuuf kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG