Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Yeroo Ammaa Yemenitti Baqatan Keessaa 98% Oromoo Dha


Faayilii - Baqattoota Oromoo, Kakumaa Keenya
Faayilii - Baqattoota Oromoo, Kakumaa Keenya

Baatii Fulbaana dabree keessa qofa, Itiyoophiyaa irraa namoota kuma tokkoo fi dhibba ja’aa fi soddomii lama, Somaaliyaa irraa namoota 32 tu biyya Yemen seene – jechuun gabaasame, marsariitii Tokkummaa Mootummootaa dhimmi rakkinaa fi gargaarsa namoomaa irratti gabaasamu, kan “Relief Web” jedhamu irratti. Lakkoobsi baqattoota Yemen seenanii kan walii-galaa ka baatii Hagayyaa irraa gad-bu’e iyyuu, lakkoobsi godaantotaa fi baqattoota Itiyoophiyaa irraa Yemen seenanii dhibba irraa harka afurtamaan dabale – jedha – gabaasaan kun.

Yeroo ammaa baqattoota fi godaantota Itiyoophiyaa irraa Yemen seenan kana keessaa dhibba irraa harki sagaltamii saddeet dhalatoota Oromoo ta’uu isaaniis gabaasaan Tokkummaa Mootummootaa marsariitti “Relief WeB” irratti bahe gabaasee jira. Baqattoonni kun sababaa adda addaatiin akka Itiyoophiyaa irraa ba’an kan dubbatu – gabaasaan kun, gariin isaanii, mormii barattootaan biyyattii keessatti jalqabame wajjiin haala wal-qabateen, akkasumas “miseensota Adda Bilisummaa Oromoo ti” shakkii jedhuun mootummaa Itiyoophiyaatiin hidhamuu isanii himantan – jedha.

Baqattoota Oromoo yeroo ammaa Yemen seenan kana ilaalchisee, Yemen irraa hoogganaa hawaasa baqattootaa fi baqattuu haarawa seente tokko haasofsiisnee jirra.

Kana cuqaasaa tii qophii guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG