Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Bulee Horaa Arsii Nagallee fi Gandeen Arsii Bahaa Lama Maal Keessa Jiru ?


Magaalaan Bulee Horaa  Arsii Nagallee fi Gandeen Arsii Bahaa Lama Maal Keessa Jiru?
Magaalaan Bulee Horaa  Arsii Nagallee fi Gandeen Arsii Bahaa Lama Maal Keessa Jiru?

Barataan Yunivarsitii Bulee Horaa Abdisaa Adulaa Kibxata Onkolooleessa 25 bara 2016 galgala magaalaa Bulee Horaa keessatti humnootii hidhataniin ajjefamuu jiraattonni Ibsanii jiru. Sirni Awwaala isaas naannoo maatiin isaa jiraaatanitti Robii Onkolooleessa 26 bara 2016 rawwatamuu ibsamee jira. Poolisiin magaalaa Bulee Horaa waa’ee ajjefamuu barataa Abdisaa waaniin beeku hin qabu jedhan. Bulchiinsi magaalaa fi kan aanaa Bulee Horaa deebii kennuu hin feene. Yunivarsitiin Bulee Horaa garuu barataa isaanii ta’u mirkaneessee jira.

Gama kaaniin godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nagallee keessaa namoota hidhuun hammaachuu isaa fi kanneen hidhaman gara adda waraanaatti duultu, jedhamuun guuramuu isaanii jiraattonni dubbatanii jiran.

Masriin karaa daangaa hidha laga Abbayyaa duula waraanaa waan banteef kanneen jeeqama kaasanii hidhaman looltoota dura duuluu qabu, jechuun kokolaataan fe’anii guuran jedhu jiraattonni. Angawoonni garuu, deebii kennuu hin feene.

Godiina Arsii bahaa, ganda Alaagaa Dureettii fi Alaagaa Doree keeessatti akkasuma namoota hidhaa keessa jiran guuruu irraa kan ka’e gandeen kun sodaa guddaa keessa jiru jedhu jiraattonni. Maatiin, namootni isaanii eessatti akka ergaman itti hin himamnee, gaafachuufis tarkaanfii fudhatamu sodaatu, jedhu. Angawoonni garuu, namoonni hiriiranii dhagaa darbachuu isaaniif hidhamanii jiru, jedhu. Garuu, bakka biraatti geeffaman isa jedhu irratti deebii hin lane

Gaaffii fi deebii guutuu kana cuqaasuun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG