Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buraayyuu fi Walgahii Bulchiinsi Magaalaa Gaggeesse


Magaala Burraayyuu
Magaala Burraayyuu

Godiina addaa Oromiyaa naannoo Finfinnee ka taate magaalaa Buraayyuu keessatti torban darbe bulchiinsii magaalaa hojjattoota warshaa fi kan abbotii qabeeya dhunfaa waliin marii gaggeesse jira.

Sababaa magaalaa Buraayyuu keessaatti warshaan tokko gubachuutti aansee namoonni hedddun hidhamaa kan jiran ta’u jiraattonni ni dubbatu.

Bulchaan magaalaa Buraayyuu Obbo Dhaabaa Jinfeessaa walgahii sana gaggeessuu isaanii ibsanii, garuu namoonni hidhamaa akka jiran galmee agarsisuu hin qabu jedhan.

Walgahii gaggeeffame irraa sagaleen dhoksaan ba’e akka agarsisuutti gaaffileen uummanni dhiyeesse Oromoo qofti maaliif hidhamaa akkasumas ajjefamaa, Fixinsi ayyaana Irraeechaa kan Bishooftuu irratti dhaqqabe beekaa kan qindaa’ee dha, carraa hojii dhabne, Oromootu Oromoo hiisisaa jira ka jedhu ta’uun beekamee jira.

Bulchaan magaalaa Buraayuu garuu, Oromoo qophaatti baasanii tarkaanfiin fudhatame hin jiru, egaa jedhanii booda, carraa danda’ameen dargaggoota hojii qabsisuuf yaalamaa jira, jedhu.

Ayyaana Irreechaa irratti humnooti akka Yuneeskoon Irreecha hin galmeessine barbaadan jeequu isaanii mootummaan beeksisee jira jedhu.

Gabaasa guutuu dhaggeeffachuuf kana cuqaasa

XS
SM
MD
LG