Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Oromiyaa Dabalee Kaabineeleen Haga Caasaalee Gadiitti Jijjiiramuun Gaaffiilee Uummataaf Deebii Ta’aa?


Prezidaantii Oromiyaa Dabalee Kaabineeleen Haga Caasaalee Gadiitti Jijjiiramuun Gaaffiilee Uummataaf Deebii Ta’aa?
Prezidaantii Oromiyaa Dabalee Kaabineeleen Haga Caasaalee Gadiitti Jijjiiramuun Gaaffiilee Uummataaf Deebii Ta’aa?

Caaffeen Oromiyaa yokaan Manni-maree Bulchiinsa naannoo Oromiyaa – Obbo Lammaa Magarsaa – Prezidaantummaa Oromiyaatti filachuu isaa dabalee - jijjiirraa kaabinee gochuu isaa gidduu kana beeksisee jira. Ka duraan Prezidaantii Ormiyaa ta’anii hojjetaa turan – Obbo Muktaar Kadir, dura, hoogganummaa yokaan dura-teessummaa DhDUO irraa, amma immoo, taayitaa prezidaantummaa bu’anii --- ka duraan afaan-yaa’ii Caffee Oromiyaa turan – Obbo Lammaa Magarsaa bakka isaaniitti filataman.

Caffeen Oromiyaa, walga’ii isaa hatattamaa geggeesse kanaan – Obbo Kadir Huseen, itti-aanaa prezidaantii Oromiyaa, ka duraan itti-aanaa Prezidaantii turan - Obbo Isheetuu Desee immoo, Afaan-yaa’ii Caffee yokaan mana-maree sanaa gochuun filatee jira.

Kaabineen harawa filame kun, gaaffii hawaasichaa deebisuu ka danda’u – dhaabbii fi ga’umsa akka qabaatutti qopheessamuu isaa – Mootummaa Oromiyaatti, itti-gaafatamaan Biiroo Dhimmoota Koomiyunikeeshinii – Obbo Fiqaaduu Tasammaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Kan gidduu kana ifa taasisame – Kaabinee Oromiyaa miseensota 27 of keessaa qabu keessaa irraa hedduun haarawa ta’uu isaanii dubbatan – Obbo Fiqaaduun.

Miseensota Kaabinee Oromiyaa 27 keessaa, prezidaantii dabalatee 17 haaraa dha - jedhu – Obbo Fiqaaduun. Kanneen keessaa immoo, 8 miseensota Koree gidduu DhDUO akka hin ta’iinii fi saddeettan keessaa 5 miseensota leexaa, 3 kanneen miseensota dhaabichaa hin ta’iin akka tahe dubbatan.

Gaaffiin uummatni gaafate, gaaffii bulchiinsa gaarii ti – ka jedhan – Obbo Fiqaaduu Tasammaa, gaaffiin uummatni gaafate “misoomni dhufee jira. Garuu, ga’aa miti. Misoomni bu’uraa dhufee jira. Garuu, sadarkaa barbaadametti qulqullina hin qabu. Dargaggoota barsiistanii jirtu. Garuu, hojii hin uumne. Kanaaf, sirriitti ijaaramtanii gaaffii uummataa deebisuu qabdan” – ka jedhu akka ta’etti dubbatan. Gaaffii uummataa kana deebisuuf, namoota dandeettii fi beekumsa ga’aa qaban filachuun akka deebisanii ijaaraa jiran hubachiisan – Itti-gaafatamaan Dhimmota Koomiyunikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa – Obbo Fiqaaduu Tasammaa. Jijjiirraa fi ijaarsi kun, gara godinaalee, aanaalee fi gandeeniitti illee kan itti fufu eeran.

Caffeen Oromiyaa – Obbo Lammaa Magarsaa Prezidaantii Bulchiinsa naannoo Oromiyaatti filachuu dabalee – Kaabinee isaa keessatti jijjiirama gochuunii fi jijjiirraaleen wal-fakkaataan caasaalee gadii keessatti gochuuf akeekame kun gaaffiilee uummataa yeroo dheeraaf Oromiyaa keessatti dhaga’amaa tureef deebii quubsaa ta’uu laata? Kan irratti gama mormitootaa tii – dura-taa’aa Kongiresa Federaalawa Oromoo – Dr. Mararaa Guddinaa haasofsiisnee jirra.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG