Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Labsii Yeroo Hatattamaatii Booda Akeekkachiisa Imalaa Lammiwwan Isheef Baaste Akka Hin jijjiiriin Ibsite


<p dir="RTL">در مارسم جوائز تونی که به بهترین های تئاتر در آمریکا اهدا می شود، &laquo;الی استروکر&raquo; به عنوان اولین بازیگر روی صندلی چرخدار این جایزه معتبر را به دست آورد. خانم استروکر برای نقش آفرینی در نمایش موزیکال &laquo;اوکلاهما&raquo; برنده جایزه بهترین بازیگر زن در بخش موزیکال شد.</p>
<p dir="RTL">در مارسم جوائز تونی که به بهترین های تئاتر در آمریکا اهدا می شود، &laquo;الی استروکر&raquo; به عنوان اولین بازیگر روی صندلی چرخدار این جایزه معتبر را به دست آورد. خانم استروکر برای نقش آفرینی در نمایش موزیکال &laquo;اوکلاهما&raquo; برنده جایزه بهترین بازیگر زن در بخش موزیکال شد.</p>

Ministriin Dhimma-alaa, ka Yunaayitid Isteets, torban dabre keessa akeekkachiisa baaseen, tasgabii-dhabinsa Itiyoophiyaa keessatti, keessumaa, bulchiisota naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti itti fufee jiruu fi dhamamuu lubbuu namoota hedduu, hidhamuu namoota kumootaan lakkaawamanii fi barbaadaa’uu qabeenyaa walitti-fufee mul’ateef sababaa tahe irraa kan ka’e – lammiwwan Ameerikaa, yoo baay’ee barbaachisaa tahe irraa kan hafe karoora imalaa gara biyyattiitti qaban akka haqan akeekkachiisee ture.

Mootummaan Itiyoophiyaa, akeekkachiisa imalaa Ministriin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets baase sanaaf deebii kenneen, labsiin yeroo hatattamaa sun haala nageenya biyyattii gara tasgabbiitti ka deebise tahuu isaa eeruudhaan, “akeekkachisni kun garuu, Itiyoophiyaan gara nagaa fi tasgabbiitti deebi’uun ishee kan isaan hin gammachiisne – gareelee Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets tokko tokkoon ka kenname” – jedhee jira. Ministara Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Moootummaa Itiyoophiyaa – Getaachew Reddaa tu kan deebii kana kennan.

“Carraa-dhabinsa ta’ee, akka lammiwwan Ameerikaa imala gara Itiyoophiyaatti karoorfatan haqan dhiibbaa gochuuf jecha, sababaa yaadchisaa akkanaa kennuuf namoonni murteeffatan Ministirii Dhimma-alaa keessa jiran. Waa’ee nagaa fi tasgabii Itiyoophiyaa namoonni yaadda’an ka jiranis fakkaata. Sababaan isaan, seensa akeekkachiisa sanaa keeyyata duraa yoo dubbistan, Itiyoophiyaa keessa amma illee akka tasgabiin hin jirre agarsiisa. Garuu, wanti tasgabii-dhabaa ta’e homtuu hin mul’atu. Hin jirus” – jedhan – Obbo Getaachew Raddaa, waahile keenya Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, ka kutaa Afaan Ingilizii – Jemsi Batiif deebii kennaniin.

Dubbi-himaan Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Kiribii, Kibxata dabre kana ibsa tuta gaazzexeessotaaf kennan irratti, ammas, biyyoota maqaan isaanii ka’e keessaa tokko Itiyoophiyaa ture. Ministriin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, labsii yeroo hatattamaa Mootummaan Itiyoophiyaa baase sana irraa ka’uudhaan akekkachiisa imalaa lammiwwan isaaf baase sana irratti Mr. Kirbiif gaaffiin dhihaate.

Akeekkachiisni Ministriin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets baase, Mootummaa Itiyoophiyaa biratti fudhatama dhabuu isaa kan ibse – gaazzexeessaan gaafficha dhiheesse haala Itiyoophiyaa yeroo ammaa irra deebi’anii ilaaluu barbaachisa, jettanii yaadduu? Jechuun gaafate. Dubbi-himaan Ministricha Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Kirbii kanaaf ennaa deebii kennan, “hin barbaachisu. Hin goonu. Akeekkachiisni imalaa akkasuma akka salphaatti waan ba’u miti. Fooyyessinee ennaa baasnu immoo, namoonni ilaalcha ol’aanaa akka itti kennan waan beeknuuf of-eeggannaadhaan baasna. Namni akka ilaalcha itti kennu illee ni feena. Kana mara sababaan goonuuf inni guddaan, lammiwwan Ameerikaa gara kutaalee Addunyaa keenyaa adda addaatti ennaa imalanis tahe ennaa achi turan akka of eeggataniif waan ta’eef, Itiyoophiyaan kana irraa adda miti” – jedhan.

Dubbi-himaan Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Kirbii kanamuun wal-qabsiisuun, waa’ee labsii yeroo hatattamaa Mootummaan itiyoophiyaa baasees kaasanii jiran.

“Labsii yeroo hatattamaa Mootummaan Itiyoophiyaa baase irratti ibsan kennes arguun keessan ni mala. Mootummaan Itiyoophiyaa ajaja seeraa malee ennaa namoota hidhu, interneetii cufuu, walga’iinsa uummataa ugguruu, sochii sa’atiidhaan daangessuu fi waalabummaa yaada ofii dubbachuu ugguruu dabalee ennaa murtii dabarsu, daafoon inni hordofsiisu yaada-nu-jeequutti jira. Ibsa kiyya keessatti akkan hubachiisetti, labsiiin sun haalawwan kanaan yoo hojii irra oolfame, rakkoo wal-dhibdee siyaasaa biyyattii mudate yaaliinammaan dura godhamee fashale ka deebisee fidu ta’a. Kanaaf, kun akeekkachiisa imalaa fooyyessamee dhihaate. Labsii yeroo hatattamaa isaan baasan irraa kaanee ennaa ilaallu, kana tu wayya jenna. Kun immoo, biyyoota Addunyaa irra jiran mara keessatti iyyuu wanna goonu” jedhan – Dubbi-himaan Minisstrii Dhimma-alaa Yunaayitid Istees – Joon Kirbii.

Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG