Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wantii Hundumtuu Uummata Keenyaan Ta’e, Guddaa Galatomaa. Obbo Baqqalaa Garbaa


Hoggantoota KFO harra mana hidhaatii bahan keessaa
Hoggantoota KFO harra mana hidhaatii bahan keessaa

Hogganoota KFO dabalatee namoonni torba himannaan irratti dhiyaate ture addaan cite akka hikaman kaleessa Wiixata Guraandhala 12 bara 2018 akka labsameetti har’a gadhifamuu isaanii beekamee jira.

Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Addisuu Bullaallaa , Obbo Bayyanaa Ruudaa, Obbo Geetu Gaarumaa fi Obbo Tasfaayee Liiban har’a Gadhiifamuu isaanii itti aanaa dura ta’aa Kongreesii Federaalawaa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu ibsanii jiru.

Obbo Baqqalaa Garbaa yaada Raadiyoo Sagalee Amerikaaf kennaniin wantii ta’e hundumtuu qooda fudhannaa uummata keenyaan waan ta’eef baayyee baayyee galateeffadha jedhan.

Galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti kanneen himatamanii turan namoota 22 keessaa Dargaggoo Darajjee Margaa irraa kan hafee hunduu gadhiifamanii jiru.Dargaggoo Darajjee margaa mana hidhaa keessatti dararaa guddaan irra ga’aa akka ture gareeleen mirga dhala namaaf falman gabaasaa turan.

Abbaan Dargaggoo Drajjee Obbo Margaa Dabaloo himannaa ka biraan mana hidhaa Qilinxoo keessa jiru.

Wantii Hundumtuu Uummata Keenyaan Ta’e, Guddaa Galatomaa. Obbo Baqqalaa Garbaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:35 0:00

XS
SM
MD
LG