Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqqalaa Garbaa Faa Mana Hidhaatti Akka Malee Dhaanamuu Himatan. Gazexeessan Zoon Naayin Bloogersi Befiqaaduu Hayiluu Debi'ee Qabame


Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa
Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa

Obboo Baqqalaa Garbaa fi miseensoonni Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) mana hidhaa keessattii akka malee dhaanamuu isaanii mana murtiitti himatan. Manni hidhaa Qilinxoo erga gubatee as yeroo duraatii han mana murttiti dhihaatan miseensonni paartii KFO kun fedhii isaanii malee, dirqiidhaan gara mana murtii fidamuu isaaniis ibsanii jiru.

Hidhamtoota 22 silaa wajjiin dhihaachuu qaban keessaa 5 harra mana murtiitti hin dhihaanne. Sababni poolisiin dhiheeffate, “ Afur mana hidhaa adda addaa waan jiraanifii tokko garuu bakka jiru hin beeknnu,” han jedhu.

Befiqaaduu Hayiluu, gazexessaa Zone Naayin Bloogersii
Befiqaaduu Hayiluu, gazexessaa Zone Naayin Bloogersii

Karaa biraatiin miseensa Zoon Naayin Bloogeers han ta’e gaazexeessaa Befiqaaduu Hayiluu ganama harraa, akka lakkoofsa Itoophiyaatti sa’aatii 12:30 irratti koomaandi poostiituu sibarbaada sababa jedhuun namoota siviilii uffataniin qabamee fudhatamuu fi ammaaf bakki itti hidhame han hin beekkamnee ta’uu maatiin isaa beeksisanii jiru. Befiqaaduun han qabamee manuma jireenyaa isaa magaala Finfinnee nannoo Iyyasuusi jedhamuu jiru ta’uunis beekkamee jira.

Kana laalchisee gabaasa balla tamsaasa keenya harraa keessatti qabannee dhihaanna.

XS
SM
MD
LG