Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroon Qormaataa Akka Dheeratuuf Gaafatan Barattoonni Oromiyaa Sababaa Amansiisaa Qabu: Professer Beyyenee Peexroos


Hoggantoota paartii MEDREK
Hoggantoota paartii MEDREK

Yeroon qormaata biyyoolessaa Itiyoopiyaa itti kennamu falmisiisaa ta’ee jira. Barattoota, barsiistonni fi ogeessonni barnootaas yaada gama isaanii dhiyeessaa jiran. Qormaati sun guyyaa hafe Caamsaa 22 qabee hanga ammaatti mootummaa fi qaamotii yeroon qormaata kanaa akka dheeratu gidduutti yaadi furmaataa hin argamne.

Sadaasa darbe erga sochiin mormii Itiyoopiyaa keessatti jalqabamee as barattoonni qophaa’uuf yeroo ga’aa akka hin argatin kan lammiiwwan dubbatan immoo yeroon kenname inni haaraanis akka dheeratu yaadachiisaa jiru.

Kan VOAn haasofsiise barattoonni naannoo Oromiyaa hangi tokkos yeroon kenname qoophaa’uuf ga’aa akka hiin ta’in dubbatu.

Yeroo dheeraaf oguma barnootaa irratti kan bobba’aniif erga Dargiin kufee booda mootummaa ce’umsaa keessatti itti aanaa ministeera barnootaa ta’uun kan hojjetan dura taa’aan gamtaa MEDREK profeesor Beyyenee Peexroos heron qormaataa akka dheeratuuf gaafataa kan jiran barattoonni Oromiyaa sababaa amansiisaa qabu jedhu.

Naannoo Oromiyaa keessatti sochii mufannaa fi mormii kan hoogganan irra hedduun barattoota sadarkaa lammataa ti. Barattoonni kuma dhibbaan laka’aman haala hin qophaa’in keessatti qormaata kennina jechuun sirrii miti. Tokkoffaa waajjira sadarkaa Federaalaa keessa taa’ee kan jiru haala uumame yaada keessa galchuu dhaan yeroo isaa dheeressuu eenuy iyyuu itti himuun irra hin jiraatu.

Barataan baraa hin turre kan waggaa guutuu barnoota utuu adda hin kutin barataa ka ture waliin qixxee haa qoramu jechuun sirrii miti. gaaffii kana kaasuun waanuma sirrii dha. Kan isaan gaafatanis mirga isaanii waan ta’eef kabajaan gaafatan waan ta’eef simatamuu qaba jedheen yaada.

Rakkoo kanaaf furmaati argamuun kan danda’amu siyaasaan utuu hin taane mala ogumaan socho’uu dhaan akka ta’e amanu profeesor Beyyeneen.

Mala ogummaatiin deebii argachuu kan qabu dha malee, xiiqii dhaan jenneerra, jenneerra, ni qoramtu, ni qoramtu jechuun hin ta’u. Baratan hin kufa erga ta’ee maaliif qormaata fudhata? Kanaaf kun ogummaa gaafata. Qormaata kennuu jechuun maali? Barataan waan barachuu qabu hubateeraa? Rakkoon gidduutti isa quunname hoo jiraa? Kun hundumtuu ilaalamee ti qormaati kan kennamu. Kanaaf rakkoo uumame keessaa illee kanneen harka hin qabaanne dabalatee haalla jiruun kan miidhaman jiru.

Kanaaf IHADEG xiiqii qabatee kanneen biyyootii alaatii dadammaqsantu kanaa fi sana jedhe jechuu dhaan ijoolleen miidhamuu hin qaban.

Qormaati Caamsaa 22 kennamuun irra ture hafuu isaatti kanneen komee dhiyeessanis jiru. Yeroon keenya hin gubate, hamileen keenyas ni tuqame kanneen jedhan barattoonni Finfinneef naannolee ka biroo VOAf ibsa kennaniiru.

Naannolee Oromiyaa sochiin mormii itti ka’e keessa haalli jiru garuu adda. Barattoonni yeroon qormaataa akka dheeratu irra deeddeebi’anii gaafataa turuu isaanii illee barattoonni ibsaniiru. komeen ijoollee barattoota Oromiyaa garuu sabaa himaas ta’e angawoota mootummaa biraa hin dhaga’amne.

Yeroon Qormaataa Akka Dheeratuuf Gaafatan Barattoonni Oromiyaa Sababaa Amansiisaa Qabu: Professer Beyyenee Peexroos
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:34 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG