Xurree ittiin seenan

Aangawaa Gameesa Mootummaa Itoophiyaa Ka Turan Bereket Simoon Tayyitaa Gad-lakkisuuf Gaafatan Jedhama

  • VOA

Barakat Simoon

Hooggana EHAADEG keessatti taayitaa ijoo qabatanii turan – Obbo Bereket Simoon, Waaltaa Qo’annoo fi Qorannoo Imaammata Itiyoophiyaatti, Ministarumaa Damee Industrii fi Itti-gaafatamummaa Boordii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa gad-lakkisuuf iyyannaa dhiheeffachuu isaanii, maddeen keessa beekan – Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Ministarri itti-gaafatamaan Waajira Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa – Dr. Nagarii Leencoo, kana ilaalchisuun gaafatamanii, oduu isaa miidiyaa yokaan Sabaa-himaa irraa dhaga’uu irraa kan hafe, ragaan mirkanaawe waajira isaanii akka hin dhaqqabiin VOA-tti dubbatan.

Bal’ina oduu kanaa akkuma argannetti, gara fuul-duraatti dhiheessina.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG