Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Iraan Irratti Tarkaanfii Haaraan Fudhatamuu Qaba Jedhu


Iraan irratti tarkaanfii haaraa fi jabaa ta’e akka fudhatamuuf prezidaantiin Yunaaytid Isteets waamicha dhiyeessanii jiru. Haasawaa jabaa kan imaammata ilaalchisee Jimaata har’a dhagesisaniin Traamp walii galteen suun haa haqamuu jedhanii garu hin dubbanne.

Traamp hasawaa kana ituu hin dhageesisiin dura tooftaa ittiin Amerikaan deemtu tuuta oduuf kan ibsan ministriin dantaa alaa Amerikaa Reeks Tilerson akka jedhanti tarkaanfii Traamp fudhachuuf jiran walii galtee bara 2015 Iraan biyyoota miseensoota gola naga eegumsaa fi gamtaa Awuroopaa 5 waliin tolfatte kan danquu miti.

Traamp Tarkaanfiin fudhachuuf jiran kongrasnii walii galtee Nukleeraa Iraan waliin tolfamee keessa deebi’ee akka ilaaluu gaafata.

XS
SM
MD
LG