Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Mootummaa Godina Booranaa Aaanaa Dirree Keessatti Uummata Haleeluun Lubbuu Namaa Galaafatan: Jiraattota


Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa
Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa

Qabeenyaan utuu manca’e ta’ee illee lubbuu namaan hin gitu: Angawaa Naannoo

Godina Booranaa aanaa Dirree magaalaa Meeggaa keessatti har’a ganama naannoo sa’a shanii humnootiin mootummaa Federaalaa konkolaataa meeshaa waraanaa fi nyaata fe’ate magaalattii keessa darbuu dhaan gara naannoo Somaaleetti geessuuf utuu yaalanii uummati dura dhaabbachuu isaan uummatatti dhukaasanii lubbuu namaa galaafachuu jiraattonni nuuf ibsanii jiran.

Hoogganaan bulchiinsaa fi nageenya aanaa Dirree obbo Kulutuu Faaraa waajjirri isaanii haala kana quba qabaachuu isaa ibsanii konkolaataan sun nyaata fe’ee jira nuun jechuu isaanii iangawoonni naannoo nuuf ibsanii jiranKan jiraataan aanaa Dirree naaf ibsan kana adda baafachuu dhaaf gara hoogganaa bulchiinsaa fi nageenya aanaa Dirree obbo tti bilbilee argadheen jira.

Har’a ganama naannoo sa’aatii shanii konkolaataan humnoota federaalaa meeshaa jalatti irraan immoo nyaata fe’atee jiru magaalattii keessa darbuu waan ka’eef uummati dura dhaabbanaan uummatatti dhukaasee lubbuu namaa galaafatee jira odeeffannoo jedhu waajjiirri keessaan quba qabaa jechuun gaafatamanii amma iyyuu bakka haleellaan kun itti raawwatamee haala isaa qorataa jiraachuu dubbatan.

Hoogganaan bulchiinsa nageenyaa aanaa Dirree kun akka jedhanitti uummata harka duwwaa jirutti dhukaasuun sirrii miti. “Qabeenyaan utuu manca’e ta’ee illee lubbuu namaan hin gitu” jedhan.

XS
SM
MD
LG