Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoolleen Durbaa Miliyoonaan Laka’aman Addunyaa Irraa Barnoota Hin Argatin Jiru


Qorannaan dhaaba “one campaign” jedhu baase akka jedhutti haalli barnoota ijoollee durbaa yeroo ammaa mul’atu rakkoo hiyyummaan akka itti fufu kan godhu rakkoo sadarkaa addunyaa ti.

Gabaasi qorannaa Sanaa ijoolleen durbaa carraa barnootaa argachuuf biyyi keessatti rakkatan Sudaan Kibbaa ti jedha.

Gama kanaan Sudaan Kibbaa Republikii Afriikaa waaltaa fi Niger biyyoota itti aanani jedha gabaasi kun.

Gabaasi kun miseensota tokkummaa mootummootaa kan ta’an ragaa barnootaa gosa 11 kan biyyoota 193 wal dorgomisiisee jira.

Akka gabaasa kanaatti ijoolleen durbaa carraa barnootaa argachuuf biyyoonni akkaan keessatti rakkatan 10 keessaa 9 kan argaman Afriikaa keessatti yoo ta’u tokko qofti Asia keessatti argama.

Biyyoonni kun qabxee dhibba irraa argatan isa gad aanaa dhaan ennaa jalqabu tokkoffaan Sudaan Kibbaa, Republikii Afriikaa waaltaa, Niger, Afgaanistaan, Chaad, Maalii, Giinii, Bukinaafaasoo, Laaybeeriyaa fi Itiyoophiyaa dha.

Ijoolleen Durbaa Miliyoonaan Laka’aman Addunyaa Irraa Barnoota Hin Argatin Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:02 0:00

Gabaasi sun biyyoota kurnaanoo mootummoota dadhaboo ykn “fragile states” ittiin jedha. Sudaan kibbaa keessaa ijoollee durbaa umuriin isaanii waggaa 6-11 jiran keessaa carraa barnootaa kan argatan dhibba irraa harka 73 qofaa ta’uu gabasi kun mul’iseera.

Gabaasa kana ilaalchisee ministeerri barnootaa deebii akka kennuuf gaafatamee gabaasa qorannaa kanaa ilaallee deebii kennina malee har’a yaada kennuun nu rakkisa jechuu dhaan dhimmi isaa isaan ilaallata kan jedhaman aadde Elsaabeeth Gessesee deebii kennaniiru.

Dhaabi “one” jedhamu kun karaa miseensota isaa miliyoona saddeet ta’anii keessumaa Afriikaa keessaa hiyyummaa dhabamsiisuuf kan hojjetu dhaaba siyaasa irraa walaba ofiin jedhu. prezidaantiin dhaabichaa kan yeroo ammaa hooggantuu USAID duraanii Gail Smith.

XS
SM
MD
LG