Xurree ittiin seenan

Raayilaa Odiingaa Filannoo Prezidaantummaa Keeniyaa Keessaa Akka Of-baasan Beeksisan


Dhimma fialannoo irratti wal-diddoon Keeniyaa keessaa hammaataa jira. Hoogganaan gamtaa mormitootaa fi kaadhimamaan prezideaantummaa ijoon – Raayilaa Odiingaa akka filannoo dhuma baatii kana irratti geggeessamutti hin hirmaanne eega har’a beeksisanii booda, gamtaan paartiilee mormitootaa isaan hooggananis filannoo sana keessaa of baasuu isaa beeksise.

Koomishinni filannoo biyyattii “IEBC” jedhamu akka heeraa biyyattii fi seera filannootti filannoo sana deemsisuuf akeeka hin qabu – jechuun ka balaaleffatan – Odiingaan, mootummaan mormituu isaanii, kan Prezidaant Uhuruu Keeniyaataa, yeroo filannoo geggeessamuuf dhihaatee jirutti akka seerri filannoo jijjiiramu gaafachuun isaaniis, “akka seerichi isaaniif miija’utti tolfachuuf carraaqqii godhamu malee, gochaa addunyaa irratti fudhatama qabu miti, jechuun mormii isaanii dhageessisanii jiran.

Kunis tahee garuu, kan har’a kutaa Keeniyaa – Koost keessatti duula filannoo geggeessaa jiran – Keeniyaataan, filannoon akka karoorfametti gaafa Onkoloolessa digdamii ja’aa akka geggeessamu kan abdii qaban ta’uu dubbatu.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG