Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Nagarii Leencoo:Yunivarsitiin Jigjigaa Kan Bulchiinsa Naannoo Somaalee Miti.Kanaaf Barsisoonnis Ta’e Barattonni Sodaachuu Hin Qaban


Barattoonni Oromoo, kanneen Yuniversitii Jigjigaatti barataa turanii fi barsiisonni isaanii haala nageenyaa amma yaaddesaa ta’e keessatti gara sanatti deebi’uun lubbuu keenyaaf sodaachisaa dha jechuun iyyataa jiran. Mootummaan Itiyoophiyaa garuu rakkoo nageenyaa uumame furuuf waan carraaqqiin jabaan godhamaa jiruuf deemuun isaanii miidhaa hordofsiisu hin qabu jedha.

Bulchiinsa naannoo Somaalee keessaatti badii adda addaa dhaqqabsisaa kan turan hidhattoota adda bilisummaa uummata Ogaadeen waraanuuf kan leenjifamee Liyyuu Poliis badii akkanaa dhaqqabsisuun kaayyoo hundeeffameef miti jedhu Itti-gaafatamaa Biiroo Dhimmotoa Koomunikeeshinii Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa Dr. Nagaii Leencoo.

Uummattonni gosa adda addaa bulchiinsa naannoo Somaalee keessa waan jiraataniif jecha itti gaafatamnii Liyyu Pooliis addatti ba’e kan Somaalee qofa ta’u hin qabu jedhan.Kana malees Yunivarsitiin Jigjigaa Kan Bulchiinsa Naannoo Somaalee Miti.Kanaaf Barsisoonnis Ta’e Barattonni Sodaachuu Hin Qaban jedhan.

Koreen addaa qaamoota adda addaa of-keessaa qabu hundeeffamee jabinaan irratti hojjataa kan jiru ta’uus ibsanii jiru.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa

Dr. Nagarii Leencoo:Yunivarsitiin Jigjigaa Kan Bulchiinsa Naannoo Somaalee Miti.Kanaaf Barsisoonnis Ta’e Barattonni Sodaachuu Hin Qaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:37 0:00

XS
SM
MD
LG