Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitii Jigjigaatti Hin Deebinu,Lubbuu Keenyaaf Sodaanna: Barattootaa fi Barsiisoota


Yunivarsitii Jigjigaa
Yunivarsitii Jigjigaa

Walitti bu’iinsii dhiyeenya kanaabulchiinsa naannoo Somaalee fi Oromiyaa giddutti ituu hin ka’iin dura iyyu barattoota Oromoo kanneen yunivarsiticha keessa jiran irratti loogii fi dararaan dhaqqabaa akka ture kan ibsan barattonni Liyyuu Polisiin yeroo fedheetti seenee nu reebaa nu hidhaa ture jedhu.Yeroo nyaata fudhachuuf hiriiran illee barattoota ka biraa irraa addaa baafamnee ilaalamaa turre jedhu.Yunivarsitiin Jigjigaa dallaa ykn mooraa ijaaramee waan hin qabneef waan hundumaaf saaxilamoo ta’u dubbatu barattonni.

Barsiisonni gama isaaniin waggaa haaraan kan Itiyoophiyaa seenee guyyaa lammaffaatti magaalatti keessatti nama Oromoo ta’e reebuu godaansisuu fi ajjesuun waan hammaateef maatii isaanii qabatanaii moraa Yunivarsiitiitti akka galanii turan sana boodas irraa jalaan geejiibi akka argameetti Finfinnee dhaqqabuu dubbatu.

“Haalli amma jiru lubbuu keenyaaf sodaachisaa dha achitti hin deebinuu” jedhan iyyu aangawoota barnoota sadarkaa olaanaa biraa “ achumatti deebi’aa” deebii jedhu nu kennan jedhu.Walumaagala barattonni Oromoo Yunivarsitii Jigjigaa keessa jiran kuma 4 akka caalan barsiisoonni Oromoo immo hanga 70 ni ga’a jedhu.Gaaffii fi Deebii Gaggeeffame caqasaa.

Yunivarsitii Jigjigaatti Hin Deebinu,Lubbuu Keenyaaf Sodaanna: Barattootaa fi Barsiisoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:03 0:00

XS
SM
MD
LG