Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Niger Keessatti Raawwate Loltoota Ameerikaa Galaafate


Haleellaa miseensota waraana US sadii haleellaa Niger kibba gama dhiyaa keessatti ennaa waraanni US fi Niger naannoo to’ataa jiranitti yoo du’an ka biroo lama immoo madaa’aniiru.

Ibsi waaltaa ajajaa US kan Afriikaa irraa ba’e akk jedhutti loltuun biyya michuu ka biroo irraa ta’e tokkos ajjeefamee jira. Biyya kam irraa akka ta’e garuu hin ibsamne.

Haleellaa magaalaa galma mootummaa Niger irraa fageenya km 200 irratti raawwatame sanaaf itti gaafatama kan fudhate hin jiru.

US erga bara 2013 qabee humnoota ishee xiqqoo qofaan gamas jiraachuu beeksistee jirti. Humnoonni kunis mootummaan gareelee shorkeessotaa lama Boko Haram fi Islamic Maghrebitti ennaa duulu deggeraa turan.

XS
SM
MD
LG