Xurree ittiin seenan

Breaking News

IMF Mallaqa Somaaliyaa Haraa Maxxansuu Irratti Gargaaraa Jira


Dhaabbatni Maallaqa Addunyaa, dhuma waggaa kanaa dura maallaqa Somaaliyaa haaraa maxxansiisuu gargaaruuf adda durummaan kan hojjetaa jiru ta’uu – Ministarri Maallaqaa Somaaliyaa beeksisanii jiran.

Dhaabbatni Maallaqa Addunyaa kana irratti Mootummaa Somaaliyaa waliin hojjechuu simatee jira ka jedhan – Abdiraahimaan Du’aalee Beellee, maallaqa barbaachisu bakka fedhee illee fidee gargaaruuf walii-galuu isaa dubbatan.

“Maddeen gargaarsaa ka biroon illee ni jiran. Garuu, nuti IMF filanne” – jedhan – Belleen.

Maallaqa Somaaliyaa sana maxxansiisuuf gara doolaara miliyoona shantamaa ka barbachisu ta’uu fi maallaqicha kuusaa keesa kaa’anii to’achuufis baasii hag sanaa ka barbaachisu ta’uu illee dubbatan.

Maallaqa Somaaliyaa kana maxxansiisuuf haal-dureeleen barbaqachisan, kan akka dhimma mootummaa jabeessuu, itti-gaaatamummaa cimsuu, oguma Baankii Giddu-galaaf barbaachisu, qajeelfamootaa fi seera to’annaa tolchuu, caasa yaa’a maallaqaa fi imammatotoa diriirsuu martinuu hojjetamanii xumuramuu ka beeksisan – Ministarichi maallaqaa Somaaliyaa, dhimmi haga ammaa xumura hin argatiin jiru dhimmuma maallaqa hojii kana ta’uu hubahiisan.

XS
SM
MD
LG