Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Walii-galtee Waa’ee Niyuukilaraa Iraan Guutummaatti Haquu Irraa Of Qusatan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteets, Donaald Traamp, walii-galtee waa’ee Niyuukilaraa Iraan jijjiiruuf torban dhufutti ka karoorfatan yoo tahu, akka gabaasaalee sabaa-himaatti, guutummaatti haquu irraa of qusatanii jiran, jedhama.

Walii-galteen Mootummaan Waashington, Iraanii fi biyyoota Addunyaa ka biroo shan waliin mallatteesse dantaa naga-eegumsa biyyoolessaa Yunaayitid Isteets kan eegsise miti – jedhan – aangawoonni maddeen oduu irratti maqaan isaanii dhahame.

Tarkaanfiin amma fudhatamuuf deemu kun, uggura dinagdee haga tokko yokaan guutummaatti Iraan irra kaa’uu keessaa tokko akka murteessu – guyyoota 60 mana-maree yokaan Koongiresa Yunaayitid Isteetsiif kennuuf deema.

Garuu, Ripublikaanonnii fi dimookiraatonni hedduun uggurri deebi’ee Iraan irra kaa’amuu, kan guutummaatti walii-galtee bara 2015nii sana ajjeesu mormaa jiran.

XS
SM
MD
LG