Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaa Duulaa Gammadaa Aangoo Gad Dhiisuuf Gaafatan


Abaa Duulaa Gammadaa
Abaa Duulaa Gammadaa

Akkuma baratame miseensonni mana maree bakka bu’otaa fi mana maree federeeshinii hojii isaanii kan bara 2010 wal ga’ii gamtaan geggeessan jalqabaniiru.

Afaan yaa’ii kan ta’an Abbaa Duulaa Gammadaas wal ga’ii isaanii xumuraa ta’uu wal ga’ii danda’u kana gita isaanii kan mana maree federeeshiniii obbo Yaleew Abaatee waliin ta’uu dhaan geggeessan.

Wal ga’iin sun kan jalqabame Oromiyaa fi naannoo daangaa Somaalee Itiyoophiyaa irratti walitti bu’iinsa uumameen lammiiwwan lubbuu dhaban yaadachuuf kadhaa yaadaa fi qalbii gochuun ture.

Wal ga’icha haasaan kan banan prezidaant Mulaatu Tashoomee waa’ee walitti bu’iinsa kanaa kaasuun dubbataniiru. Mootummaan nagaa eegisisuu irra darbee kanneen badii dalagan murtiitti dhiyeessuuf hojjetaa jira jedhan.

Haala isaa bakka duriitti deebisuu akkasumas lammiiwwan qe’ee ofii irraa buqa’an deebisuu qubsiisuuf jaarsoliin biyyaa naannolee lamaanii, hoogganoonni aadaa, abbooni amantii dargaggoonni, dubartoonnii fi uummati naannoo lamaanii furmaata barbaaduuf mootummaa cina akka dhaabatan prezidaantichi waamicha dabarsaniiru.

Haasaan prezidaantichaa garuu irra jireessa kan fuuleffate dhimootii dinagdee irratti. Dinagdeen hongee bara 2009 mudate irraa dandammachuu isaaf waggaa darbe guddinni guddaan galmeessamuu isaa ibsan.

Wal ga’iin har’aa kan geggeessame nama siyaasaa paartii biyya bulchuu angafa kan ta’an Abbaa Duulaa Gammadaa borumtaa isaan itti gaafatama afaan yaa’ii mootummaa ta’anii itti fufuuf fedha akka hin qabaanne beeksisaniitti ture.

Afaan yaa’ii kun itti gaafatama sana gad dhiisuuf xalayaa galfachuu isaanii kan midiyaalee hawaasaa adda addaan gabaasamaa ture kan mirkaneessan Dilbata kaleessaa ture. Itti gaafatama irra akkan hin turre sababaaleen godhan jiru. Fedha isaas hin qabu jedhan Abbaan Duulaa.

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:00 0:00

XS
SM
MD
LG