Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormitoota : Hanqiina Nyaataan Namnii Rakkataa Guddinni Argame Jechuun Hin Fakkaatu


Prezidaantiin Itiyoophiyaa Dr. Mulaatuu Teshoomaa kaleessa baninsa walga’ii Paarlaamaa biyyattii irratti gabaasa waggaa dhiheessaniin bara dabre dinagdeen biyyattii dhibba irraa harka kudhanii fi qabxii shanitti guddachuu isaa dubbatanii turan.

Waa’ee walitti-bu’insa naannoo daangaa Oromiyaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee illee dubbatanii turan Prezidaantichi. Gabaasaa kana dhaabonni mormitootaa biyyattii akkamitti ilaalan? Itti-aanaa dura taa’aa Kongiresa Federaalawa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu Biyya uummatii isaa miliyoona saddetii fi walakkaan hanqiina nyaataa qabaachuun ibsamee addunyaan itti birmataa jirtu keessatti guddinni haganaa argamee yeroo jedhan eenyu akka guddate isaantu beeka jedhan.

Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi bulchiinsa naannoo somaalee kan ilaaleen gabaasnii dhiyaate qubsaa miti jedhu.Gaaffii fi deebii gaggeeffame armaa gadiitti caqasaa.

Mormitoota : Hanqiina Nyaataan Namnii Rakkataa Guddinni Argame Jechuun Hin Fakkaatu
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:48 0:00

XS
SM
MD
LG