Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliilaand Filannoo Biyyoolessaaf Qophee Irra Jirti


Komiishinni filannoo Somaaliilaand lakkoobsa namoota filannoo baatii Sadaasa dhuftuuf sagalee kennuuf galmaa’anii ifa taasisee jira.

Galmeen ibsa tuuta oduuf har’a kenname irratti ifa ta’e akka mul’isutti lakkoobsa walii galaa namoota filannoof galmaa’anii 704,089 ta’uu ibsee jira.

Dubbi himaan komiishina filannoo biyyoolessaa Said Ali Muse VOA sagantaa Afaan Somaaleef akka ibsanitti komiishinichi waraqaa eenuymmaa kanneen sagalee kennanii raabsuu xumuree jira.

Kanas Paartilee polotiikaa Somaaliilaand sadii fi ministeera dhimma biyya keessaaf beeksisee jira.

Filannoon sun yeroo hedduuf boodatti kan harkifate ennaa ta’u filannoon prezidaantummaa Somaaliilaand yeroo tokko baatii bitootessa darbeetti qabamee, hongee fi walii galtee dhabiinsa siyaasaa paartilee gidduu jiru yeroo biraatti akka qabamu taasisee jira.

XS
SM
MD
LG