Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Amboo Nagaadhaan Xumurame, Ka Shaashemannee fi Calanqoo Keessatti lubbuu Namaa Tu Dhabame Jedhama 


Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa
Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa

Guyyaa har’aa, jechuun, Onkoloolessa 11, bara 2017, magaalaalee Oromiyaa - Amboo, Shaashamannee fi Calanqoo keessatti hirirri mormii geggeeffamamee jira. Akka jiraattonni jedhanitti hiriirri Amboo keessatti nagaadhaan kan xumurame yoo tahu, Shaashamannee keessatti garuu, humni ittisaa federaalaa hiriirtota irratti dhukaasa baneen namoonni 4 yoo du’anii, ka biroon 30 ta’an madaa’anii jiran.

Bakka hiriirri nagaan geggeessamee xumurame – magaalaa Amboo keessatti, poolisoonni Oromiyaa tasgabbiidhaan uummaticha hiriira hahee fi gaaffii isaa dhaadannoodhaan dhageessifataa ture geggeessanii, otuu dhiibbaa tokko itti hin godhiin akka nagaa fi eebbaan cumuratee galu taasisan – jedhu – jiraattonni.

Hiriirri Amboo Nagaadhaan Xumurame, Ka Shaashemannee fi Calanqoo Keessatti lubbuu Namaa Tu Dhabame Jedhama
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:28 0:00

XS
SM
MD
LG