Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Akka Lammiwwan Ameerikaa Gara Shaashemanneetti Hin Imalle Akeekkachiisa Baaste


https://et.usembassy.gov/security-message-u-s-citizens-violent-protests-road-closures-around-shashamane/
https://et.usembassy.gov/security-message-u-s-citizens-violent-protests-road-closures-around-shashamane/

Magaalaa Finfinnee irraa fageenya kiiloo-meetra 250 irratti kan argamtu Shaashamanne keessatti hiriirri mormii hokkaraan guutame gaggeeffamuu Embaasiin Amerikaa Finfinnee irraa ibsa baaseen beeksiseera.

Namoonni du’an jiraachuu fi daandileen magaalatti keessaa fi naanoo cufamuu kan ibse – Embaasichi, lammiwwan Amerikaa akka gara sanatti hin imallee akeekkachiisee, waa’ee nageenya isaanii karoora qaban akka keessa deebi’anii ilaalan, naannoolee isaanii, keessumaa bakkawwan qophiileen jiran akka of eeggannoon ilaalanii fi oduu jiru maddeen oduu naannoo irraa akka hordofan gorsee jira.

XS
SM
MD
LG