Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Gatii Qarshii Ishee Gad-Cabsuun Maaliifi?


Baankiin Waaltaa Itiyoophiyaa, gatii qarshii biyyattii dhibba irraa harka kudha-shaniin gad-cabsuu isaa torban kana keessa beeksise. Akka ibsa baankicha irraa bahetti, sharafni doolaaraa Ameerikaa tokko ka bara 2010 irraa jalqabee qarshii 23.40 ture akka jijjiirraa haaraa kanaatti qarshii 26.91 ta’uu isaa ti. Yunivarsitii Minisootaa, Damee Dulut keessatti hayyuu fi preeofesara dinagdee ka tahan Dr. Badhaasaa Taaddesee akka jedhanitti, mootummaan Itiyoophiyaa tarkaanfii kana fudhachuun isaa mormii biyyattii keessatti babal’ate irraa kan ka’e dinagdeen biyyattii waan miidhameef jecha, mala ittiin liqaa biyyoonni alaa biyyattii irraa qaban baasuu fi doolaara meeshaalee alaa biyyattii galan ittiin bitatuu argachuuf fala barbaacha.

Gatiin qarshii Itiyoophiyaa dhibba irraa harka kudha-shaniin gad-cabuun kun, meeshaaleen biyya keessaa gara biyyoota alaatti ergaman akka gatiin isaanii rakasu, meeshaaleen ala irraa gara biyyattiitti galfaman akka gatiin isaanii qaala’u, kana irraa kan ka’es akka jireenyi lammiwwan biyyattii qaala’u yokaan miyaa’u ka taasisu ta’uu illee dubbatan.

Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa

Itiyoophiyaan Gatii Qarshii Ishee Gad-Cabsuun Maaliifi?
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:48 0:00

XS
SM
MD
LG