Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyootii Alaa Taa’anii Baasii Adda Addaa Firoottaniif Baasuun Ni Danda’ama:  “Kifiya”


credit card
credit card

Lammiiwwan Itiyoophiyaa biyya alaa jairaatan firoottan isaanii biyya gatii ibsaa bishaanii fi kan kana fakkaatu kallattiin baasuufii akka baasan tajaajilli dandeessisu eegaluuf jira.

Waldaan dhuunfaa KIFYA jedhamu “MasterCard” waliin ta’uu dhaan tajaajilli inni labse kun yeroo dhiyoo Itiyooophiyaa keessatti kan eegalu ta’uu isaaf achii booda biyyoota Afriikaa kanneen biroo keessatti kan itti fufu ta’uun beekameera.

Baasiin kunis marsariitii irratti kan raawwatamu ta’uun ibsameera. Tajaajilli kun kan kennamus app kanaaf gargaaru mobile fi komputera irratti fe’uun akka ta’e ibsa hoteela Sheraaten keessatti gaazexeessotaaf ibsame irratti.

Obbo Muniir Durii itti gaafatamaan waldaa Kiffiyaa jedhamuu namoonni bakkuma jiraatan irraa baasii kana baasuu ka danda’an ta’uu illee ibsaniiru. tajaajilli kun magaalaa keessa kanneen jiraatan qofaaf utuu hin taane namni mobaayila qabu martinuu fayyadamaa waan ta’eef baadiyyaa illee ofitti haammata jechuu dhaan tajaajila korpreetiif waldaa kiffiyaaf itti gaafatamtuu kan ta’an aadde Miriyaam Seiid VOAf ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG