Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Irra Deebi’amuun Xiinxalame Uggurri Imalaa Prezidaant Traamp Hojii Irra Oole 


An Iceland Air flight crew arrives on the day that U.S. President Donald Trump's limited travel ban, approved by the U.S. Supreme Court, goes into effect, at Logan Airport in Boston, Massachusetts, June 29, 2017.
An Iceland Air flight crew arrives on the day that U.S. President Donald Trump's limited travel ban, approved by the U.S. Supreme Court, goes into effect, at Logan Airport in Boston, Massachusetts, June 29, 2017.

Qajeelfamni uggura imlaa Yunaayited Isteetes kan boodanaa falmiin utuu hin uumamiin fuula duratti tarkaanfataa waan adeemu fakkaata. Kunis kan dhaga’ame erga manni murtii ol aanaan Yunaayited Isteetes ajaja ol aanaa kan president Traamp dabarsanii fi manni murtii gad aanaa faallaa heeraati jechuunn dura dhaabate hanga tokko bakkatti deebisee booda.

Kan kamisa kaleessaa hojii irra oole qajeelfamni Yunaayited Isteetes kanneen visaf iyyata galfatan namoonni biyya musliimaa ja’a irraa dhufan Ameerikaa seenuu dhaaf maatii ykn daldala as jiraatan waliin hariiroo walitti dhiyeenya qabu qabaachuu qabu jedha.

Angawoonni bulchiinsa Traamp gameeyyiin kaleessa ganama seera angawoonni qoonsiilaawwanii attamiin namoota Iraan, Liibiyaa, Somaaliyaa, Sudaan, Siiriyaa fi Yemen visaaf ennaa iyyata galfatan hojjechuun irra jiraatu wixineessanii jiran. Seerri haaraan kun kaleessa galgala sa’a 8tti hojii irra oole.

Namni kam iyyuu Adoolessa ja’a dura gara Yunaayited Isteetes imaluuf karaa jalqabe taanaan as seenuu ni danda’a. kanneen sanaan booda gamanatti qajeeluuf jiran garuu booda irra haalli isaa kan beeksisamu ta’uu angawoonni yaadachiisaniiru.

Kanneen iyyata galfatanii beellama eeggataa jiran duraa hin haqamu, garuu kanneen haaraa iyyatan firummaa nama as jiru waliin jiruuf ragaa dhiyeessuu qabu.

Baqatoonni guyyoota 120f gamanatti akka hin imalle uggurri kaa’ames kan hojii irra oole ennaa ta’u kanneen firummaa maatii Yunaayited Isteetes keessa jiraatu waliin jiruuf ragaa dhiyeessan garuu seenuu danda’u.

XS
SM
MD
LG