Xurree ittiin seenan

Breaking News

DV Guutuuf Maallaqa Baasuun Hin Barbaachisu: Embaasii Ameerikaa


DV Guutuuf Maallaqa Baasuun Hin Barbaachisu: Embaasii Ameerikaa
DV Guutuuf Maallaqa Baasuun Hin Barbaachisu: Embaasii Ameerikaa

Mootummaan Ameerikaa DV dhaan biyyoota adda addaa irraa gara biyya isaatti akka godaanan gochuu erga jalqabe waggoonni laka’amaniiru.

Itiyoophiyaa keessaas waggaatti namoota kuma 4-5 ta’antu DV dhaaf iyyata galfata jechuu dhaan embasii Ameerikaa Finfinneetti argamu keessatti itti gaafatamaa kutaa hojii ittisa waliin dha’uu kan ta’an Tomaas Biils gara Ameerikaa dhaquuf fedhuu guddaan jiraachuu dubbatan. Fedhii guddaa akkasii ilaaluu dhaan kanneen kana irraa bu’aa argachuu fedhan jiraachuu beekuun danda’ameera jedhan. hojiin waliin dha’uu hedduun raawwatamuu isaa illee argaa jirra jedhan.

Malli baratameef ittiin waliin dha’an namoonni hangi tokko namoonni DV akka argataniif kan gargaaran ta’uu ennaa dubbatan dhageenya. Namoonni akkasii garuu mootummaa US waliin hariiroo ykn bakka bu’uumsa tokko illee hin qaban. Namoonni kana godhan gama poostaa ykn bilbilaan carraa DV loterii injifattaniittuu jedhu jedhu.

Itti aansaniis carraa DV argachuuf ulaagaaleen tarreeffaman jiraachuu yaadachiisaniiru.lammiiwwan Itiyoophiyaaf kutaa 12 kanneen xumuraniif gosa barnootaa shanitti qabxii ga’aa kan argatan ykn degeree University qabaachuu qabu jedhan.

Sana ta’uu baannaan immoo muuxannoo hojii gama qabaachuun waan irraa barbaachisu guutuutu irraa eegama jedhaniiru.kanneen ulaagaa kana guutan carraa isaanii yaaluu danda’u. kanas gochuu kan danda’an mala tokkicha qofaanii jedhu Tomaas Beels.

Namni tokko gara dorgommii DV seenuu kan danda’u mala tokkicha qofaani. Kunis gama inteneetiin https://www.dvlottery.state.gov ka jedhu irratti iyyata galfachuu dhaani.

Eenyu iyyuu carraa kana argachuuf VISA dhaaf beellama qabachuun kan irra jiraatu malli tokkichis kanuma. DV dhaaf gaaffii fi deebii geggeessuuf gama embasii dhaquuf beellama kan fudhatanis maluma kana qofaa dhaani. Kanatti adda kan ta’e waliin dha’uu dha jedhan.

Itti gaafatamaan kun akka jedhanitti namni kami iyyuu ulaagaa jiru guuteera jedhee amana taanaan carraa isaa yaaluu dhaaf maallaqa homaa baasuun irra hin jiraatu jedhaniiru.

DV Guutuuf Maallaqa Baasuun Hin Barbaachisu: Embaasii Ameerikaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:44 0:00

XS
SM
MD
LG