Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa fi Kibbaa Keessatti Iyyati Dhiyaatee Jira


Faayilii - wWirtuu filannoo, Dasee, Waxabajjii 21, 2021
Faayilii - wWirtuu filannoo, Dasee, Waxabajjii 21, 2021

Bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Itiyoophiyaa gama kibbaa keessatti bakka buutonni isaanii iddoodhaa gara iddotti sosso’uu akka hin dandeenye akkasumas, reebichaa fi yakkii Baajii harkaa fuudhuu gaggeeffamaa jira jechuun iyyannoo dhiyeeffachuu isaa Bordiin filannoo beeksisee jira.

Walitti qabduun bordichaa Aaddee Birtukaan Miidhagsaa paartii biyya bulchaa jiru irraa kan hafee hundumaa irraa iyyata dhiyaatee keessuummeesinee jirra jedhan.

Keessuumaa bulchiinsa naannoo Amaara fi Itiyoophiyaa gama kibbaa keessatti rakkoon kun guddinaan qunnamuu kan ibsan Aadee Birtuukaan, hatattamaan tarkaanfiin sirreessuu akka fudhatamuuf hubachiisuu isaanii dubbatan.

Finfinnee keessa kan jiran buufata filannoo 9 keessatti warri raawwachiiftuu ta’an argamuu dhaba irraa turee banamuu isaa fi kana irraa kan hafee idoo hundaatti filannoon nagaan geeffamuu ibsan.

XS
SM
MD
LG