Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaasaa Keessatti Sagalee Kennuuf Waraqaan Ittiin Sagalee Kennan Ankaakutu Himame


Wiirtuu filannoo, Finfinnee, Waxabajjii 21, 2021
Wiirtuu filannoo, Finfinnee, Waxabajjii 21, 2021

Magaalaa Hawaasa keessatti filannoon marsaa 6ffaan ganama irraa kaasee haala nagaan gaggeeffamuu kan ture ta’u namoonni Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Kaleessa waaree booda garu hanqiinni waraqaan ittiin sagalee kennanii mudatee namoonni sagalee ituu hin kenniin manatti deebi’anii jiru.Kanaaf jecha paartileen morkiitootaa lammiwwan filannoo gaggeessuuf mirgi qaban daangeeffamee jira jechuun bordii filannoo himatan.

Walitti qabduun bordii filannoo Itiyoophiyaa aaddee Birtukaan Miidhagsaa haala Haawasaa keessatti uumamee jechuun addumaan hin ibsiin malee dhiifama gaafachuun tarkaanfiin sirreessuu akka fudhatamu beeksiisanii jiru jechuun oduugabaasaan RSA yonaataan Zabdiwoos Hawaasa irraa Wiixata kaleessaa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG