Xurree ittiin seenan

Breaking News

Burkifaanaasoo Keessatti Lakkofsii Namoota Ajjeefamanii Dabalee Jira 


Hiriira mormii ajjeechaa namootaa balaaleffachuuf bahame, Ogaduuguu, Burkiinaa Faasoo, Sadaasa 16, 2021.

Dilbata dabree hidhattonni polisii waraana Burkinaafaasoo irratti haleellaa geesisaniin lakkoobsii namoota du’anii 53 ga’e jira.

Ministeerrii Komunikeeshinii ka biyyatti kamiisa kaleessaa akka jedheetti, polisii waraanaa 49 fi siviiloota 4tu maadhee polisii waraanaa biyyatti kaabaa jiru irratti haleellaa dhaqqabeen du’e.

Biyyattiin waggootii dabran 6f hidhattoota garee Islaamiik Isteetes fi Alqaaidaa akkasumas shiiftaa naannoo irratti duula waraanaa gaggeessaa turtee keessatti inni ammaa kun lubbuu hedduu kan galkaafatee jedhamee jira.

Kanaaf jecha prezidaantiin biyyatti aangoo akka gadhiisaniif qeeqxoonni gaafataa jiru.

XS
SM
MD
LG