Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Itiyoophiyaa Jila Amerikaa Wajjiin Dubbatan: Waajiira Komunikeeshinii 


Faayilii - Jila addaa Yuunaaytid Isteetes Jeefrii Feeltmaan, fi Itti aanaa mummicha ministeeraa fi ministeera dantaa alaa Itiyoophiyaa Dammaqaa Mokonnan

Itti aanaa mummicha ministeeraa fi ministeera dantaa alaa Itiyoophiyaa kan ta’an Dammaqaa Mokonnan Kamiisa kaleessaa Sadaasa 18 bara 2021 galgala jila addaa Yuunaaytid Isteetes Jeefrii Feeltmaan waliin dubbachuu isaanii waajirrii komuunikeeshinii mootummaa ibsa baaseen beeksisee jira.

Ibsii kun akka jedhutti sharoorkeessaa kan ittiin jedhe Adda Bilisummaa Uummata Tigraay wajjiin dullii waraanaa gaggeffamuu haala itti dhaabuun danda’amu irratti yaadii Amerikaa maala akka ta’e Feeltmaan kan ibsan yoo ta’u Obbo Dammaqaanis ejjennoo Itiyoophiyaa beeksisanii jiru jedha.

Balaliin gargaarsa deddeebisan dirree xayyaaraa Kombolcha fi Laallibalaatti akka gaggeeffamuu kokolaataan 369 kan gargaarsa fe’an Tigraay akka seenaiif ehamamuu Obbo Dammaqaan ibsanii jiru kan jedhu ibsii ba’e dhimmi lammiwwan Amerikaa guutuummaa Itiyoophiyaa keessa jiran irratti dubbatamee jira jedha.

ABUT bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Tigraay keessaa akka ba’u qabu Obbo Dammaqaan Feeltmaanti himuun isaanii ibsamee jira.

Gama kaaniin, dubbii himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dinaa Muftii jilli addaa kan gamtaa Afrikaa Olusheeguun Obasaanjii fi gaanfa Afrikaatti jilli addaa kan Amerikaa Finfinnee seenuu isaakii kaleessa ibsanii jiru.

Ambaasaaddar Dinaan waaltaa Diploomaasii kan Yunivarsitii Hawaasaa keessa jiru ebbisuuf gamas kan jiran ta’u Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG