Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayyoonni Waa’ee Imala Bilinken Afrikaa Keessaa Maal Jedhan? 


Ministira Haajaa Alaa Yuunaytid Isteetis Anttoonii Blinken, Sadaasa 18, 2021, Keeniyaa
Ministira Haajaa Alaa Yuunaytid Isteetis Anttoonii Blinken, Sadaasa 18, 2021, Keeniyaa

Ministirri Haajaa Alaa Yuunaytid Isteetis kaleessa yoo Keeniyaa daawwataa turan gaazexeessitootaaf haala nageenyi Gaanfa Afrikaarratti yaada kennanii jiran. Kanaanis keessumaa amma rakkoon Itiyoophiyaa keessatti mudateef furmaati karaa nagaan akka dhufu Yuunaytid Isteetis ni deeggarti jedhanii turan.

Diirektarri Internaashinaal Kiraaysis Group kan gaanfa Aafrikaa, Muuritii Mutiigaa, yeroo haalli Sudaan fi Itiyoophiyaa yachisaa tahetti Bilinken dhufan jedhe. Waayee rakkoo Itiyoophiyaa amma jirus yeroo dubbatu furmaatni qaama lamaanuurraa dhufuu qaba jedhe.

Dookter Yoonaas Ashinee barsiisaan yuuniversitii Finfinnees, mootummaan warra wal-dhabinsa kana araarsuu fedhan sirriitti baruu qaba jedhan. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Hayyoonni Waa’ee Imala Bilinken Afrikaa Keessaa Maal Jedhan?
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:29 0:00


XS
SM
MD
LG