Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Haala Kaaba Itiyoophiyaa Irratti Ibsa Kenne


Waajira muummee Tokkummaan Mootummootaa, Niiw Yoorki (Suuraa faayilii)
Waajira muummee Tokkummaan Mootummootaa, Niiw Yoorki (Suuraa faayilii)

Hojiin gargarsa namoomaa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessaa sababaa rakkoo nageenyaaf gufuuwwan birokraasii akkasumas sababaawwan ka biroon danqamee jiraachuu dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Stiifen Dujaarik tuuta oduuf ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Naannolee Amaaraa fi Affaar bakka adda addaatti walitti bu’iinsa uumameen namoonni kurna kumaan laka’aman qe’ee ofii irraa buqqa’uun gabaasamee jira. Sadaasa 4 hanga 10 yeroo jiru gidduutti Tigraay keessatti gargaarsa midhaan nyaataa hafe keessaa namoonni 10,000 argataniiru. Kunis torbanitti namoonni 870,000 argachuun kan irra ture keessaa dhibbs irraa 1.2 qofaa jechuu dha jedhan.

Hanga Sadaasa 15tti Tigraay keessatti hafeekan jiru tuullaan midhaanii metirik toonii 10,000 gadi. Hanqinni boba’aa fi maallaqa calla itti fufee jiru, dhaaboliin gargaarsa namoomaa naannoo Tigraay keessa kn jiru dhiyeessii gargaarsaa raabsuuf dandeettii isaanii akkaan miidhaa jira jedhan.

Gama biraan michoonni keenya naannolee Affaarii fi Amaaraa keessaa bakka danda’amutti gargaarsa dhiyeessan saffisaa jiran. Torbssn darbe naannolee lamaan keessaa namoota 150,000 naannolee lamaan keessa jiraniif gargaarsa midhaan nyaataa ittiin ga’anii jiru jedhan.

Gareeleen walitti bu’iinsa kana keessa jiran hojjettoonni gargaarssaa Tigraay, Amaaraa fi naannoo Amaaraa keesa jiran, walaba ta’anii bifa waarinsa qabuu fi haala amansiisaa dhaan sosso’uu akka danda’anitti hatattamaan haala akka mijeessan gaafanna jedhan Dujaarik.

Kaaba Itiyooophiyaa keessaa uummanni miliyoona 8tti hedamu hanga xumura waggaa kanaatti gargaarsa namoomaatu isaan barbaachisa. Kan naannoo Tigraay doolaara miliyoona $350 guutummaa Itiyoophiyaa keessaa hojii gargaarsaaf kan oolu hanqina doolaara biliyoona $1.3tu jira.

Dujaarik akka jedhanitti, tajaajilli kaargoo kan gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa balalii itti fufuu danda’an ta’e nan gaafadheen jira, garuu hin jalqabamne jedhan.

Hatattamaan akka itti fufu mariin geggeessamaa ture kan jedhan Dujaarik, hojjettoota gargaarsaa gamasitti erguu fi maallaqa argachuun hedduu hedduu murteessaa dha jedhaniiru. Kunis akka milkaa’u gochuuf lafoo dhaaf qilleensaan danqaa fi birokraasii isa kam irraa iyyuu bifa walaba sosso’uu barbaanna jedhan dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Stefen Dujaarik ibsa tuuta oduuf kennaniin.

XS
SM
MD
LG