Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Dhaabota Siyaasaa Dhiheenya Waashingtanitti Waliigaltee Mallatteessanii Mootummaa Cehumsaa Dhaabuuf Akka Akeeka Qabu Dubbatan   


Hogganaa Adda Bilisummaa UmMata Tgiraay Dr. Debretsiyoon Gebrmikaa’el
Hogganaa Adda Bilisummaa UmMata Tgiraay Dr. Debretsiyoon Gebrmikaa’el

Torban lamaan dura yunaayitid Isteete keessatti walgahanii mootumaa Itiyoophiyaa mormuu irratti dhaabileen siyaasaa 9 walgaltee mallatteesan fi haala walwaraansaa kaabaa Itiyoophiyaatti adeemaa jiru ilaalchisee hogganaan Adda Bilisummaa UmMata Tgiraay Dr. Debretsiyoon Gebrmikaa’el TV naannoo Tgiraayn gaafatamanii deebii kennaniin eega mootummaan amma Itiyoophiyaa bulchaa jiru kufee boodaa mormitoonii walta’anii mootummaa cehumsaa akka dhaaban dubbatan.

“Diinnii gaafaa diigamuu innii itti aanu maal ta’uu qaba ? isa jedhu irrati marii hedduun waan barbaachisuuf akka keenyatti mootumaa ce’uumsaa nu barbaachisaa. Mootummaa yeroofiis ta’uu danda’a. Maqaa irratti waliigaluun hin danda’ama. Akka keenyyatti yeroo gabaabaadhaaf mootummaa yeroos ni barbaachisaa, mootummaa ce’uumsaas ni barbaachisa barbaachisa” jedhan

Waa’ee mootummaa amma aangoo irra jiru buusaanii murtootti dhiheesu, waa’ee beenyaa gaafachuu, waa’ee hiree ofii ofiin murteeffachuu ykn Referendum kan kaasan Dr. Debretsiyoon Karaan waldhabiinsa mariidhaan hikuu haa dhiphatu malee ammayyuu carraan akka jiru dubbatan.

Haasaa Dr. Debretsiyoon kana irratti namoottan yaada kennaan keessaa Ogeessaa fi gorsaa seeraa kan ta’an Obbo Wubishet Mulat ammoo, marii gabaastuu Sagalee Ameerikaa waliin taaisaniin, waa’ee karaa nagaa ilaalchisee ennaa dubbatan, “Humna ittisa biyyaa , jaarmiyaa mallattoo birmadummaa biyyaa ta’e irratti tarkaanfii saalfachiisaa ta’e fudhatanii, raayyaa waraanaa diigudhaaf karaa fagoo erga deemamee booda, erga yakkaa raawwatanii boodaa, mariin gegeessa , teenyee haasofnaa jechuun seeraa fi sirnaa bitamuu diduudhaa,” jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Gamtaan Dhaabota Siyaasaa Dhiheenya Waashingtanitti Waliigaltee Mallatteessanii Mootummaa Cehumsaa Dhaabuuf Akka Akeeka Qabu Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:07 0:00


XS
SM
MD
LG