Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Naannoo Benishangul Gumuz Aangoo Irraa Kaafaman


Wajjira poolisii noonnoo Beenishaangul
Wajjira poolisii noonnoo Beenishaangul

Mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz itti gaafatamaa farra shorokeessummaa dabalatee hooggana sadarkaa ol aanaa itti gaafatama irraa kaasee jira. Itti gaafatamaan waajjira badhaadhina naannoo obbo Yusuuf Abdilqaadir, hoogganoonni kun itti gaafatama qaban irraa kan kaafaman, aangoo itti kennamu sirriitti ba’uu dadhabuu isaaniif ta’u isaanii fi malaammaltummaa waliin wal qabatee ta’uu isaa ibsaniiru.

Irra deddeebi’uun rakkoon nageenyaa kan keessatti mul’atu naannoo Benishaangul Gumuz, Qaammee bara 2012 jalqabee komand poostii dhaan bulaa kan ture ta’us, naannoo sanatti jijjiiramni qabatamaan dhufuu akka hin danda’in obbo Yusuf VOAf ibsaniiru jetti Aster Misganaw Baahir Daar irraa.

XS
SM
MD
LG