Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiloonni Sadarkaa Addunyaa Araara Itiyoophiyaa Keessatti Buusuuf Carraaqaa Jiran Lama Har’a Finfinnee Seenan


Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Yunaayitid Isteetis Jefrii Feltimaan (Suuraa faayilii)
Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Yunaayitid Isteetis Jefrii Feltimaan (Suuraa faayilii)

Dippilommaatonni sadarkaaa Addunyaa lama kanneen waraansa Itiyophiyaa keessatti waggaa tokkoof deemsisame ilaalchisee marii nagaa bayyanachiisuu fi lola dhaabinsa taasisuuf carraaqaa jiran gara Itiyoophiyaatti deebi’uu isaanii, Ministirarri Haajaa Alaa Itiyoophiyaa har’a beeksisee jira.

Gaanfa Afrikaatti bakka-bu’aa ol’aanaa Gamtaa Afrikaa ka tahan, Oluseegun Obaasaanjoo (Suuraa faayilii)
Gaanfa Afrikaatti bakka-bu’aa ol’aanaa Gamtaa Afrikaa ka tahan, Oluseegun Obaasaanjoo (Suuraa faayilii)

Prezidaantii Naayijeeriyaa ka turanii fi amma immoo Gaanfa Afrikaatti bakka-bu’aa ol’aanaa Gamtaa Afrikaa ka tahan, Oluseegun Obaasaanjoo fi Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Yunaayitid Isteetis Jefrii Feltimaan har’a Finfinnee seenuu isaanii, dubbi-himaa Ministara Haajaa Alaa Itiyoophiyaa, Obbo Diinaa Muftii tu dubbate.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi mormitoonni isaa – humnoonni riphxee-loltootaa Tigiraayii fi wal-taatonni isaanii, haal-duree tokko malee dhukaasa-dhaabinsa akka labsanii fi naannoo Itiyoophiyaa gama Kaabaa waraansaan miidhame akka gargaarsi namoomaa dhaqqabu taasisamu ka fedhan tahuu dubbatan – bakka-bu’oonni lameen.

XS
SM
MD
LG