Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Dawwannaa Isaanii Afriikaa Itti Fufan


Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken mariii dhaabile silivii wajjinif Hoteela Sankiraatti qiphaahe irratti, Sadaasa 17, 2021
Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken mariii dhaabile silivii wajjinif Hoteela Sankiraatti qiphaahe irratti, Sadaasa 17, 2021

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken daawwannaa isaanii biyyaootii Afriikaatti geggeessan keessaa bakka lammataatti Naayijeeriyaa keessatti, imaammata bulchiinsi Baayiden Afriikaa irratti qabu ilaalchisuun haasaa ijoo dhageessisuuf jiru.

Antonii Bilinken gita isaanii ministrii dimma alaa Naayijeeriyaa Jeferii Oniyeemaa akkasumas prezidaant Muhaammadu Buhaarii fi itti aanaa prezidaant Yemee Osinabajoo waliin Abuja keessatti wal arganii mari’atuuf jiru.

Mata duree irratti mari’atan keessaa, eegumsa fayyaa addinyaa irratti wal ta’iinsa jiru cimsuu, humni ibsa mara akka dhaqqabu irratti hojjechuu, guddina dinagdee fi dimokraasii babal’isuu kan jedhantu keessatti argama.

Dimokraasiin ennaa isaan roobii kaleessaa Keeniyaa daawwatanitti mata duree ijoo kan Bilinken kan ture ennaa ta’u, garee qabsaa’ota mirga namaaf Naayiroobii keessatti ibsa kenaniin dimokraasiin addunnyaa keessaa gad adeema deeme jedhan.

Dimokraasii gaarii biyyoonni qabn ilee, odeeffannoo dogoggoraa fi malaammaltummaa, jeeqama siyaasa fi uummata saglee kennu doorsisuutti saaxilamuu isaanii akeekkachiisaniiru.

Bilinken baatii Sadaasa darbe filannoo prezidaantummaa geggeesseen, injifannoo Joo Bayiden fudhatama dhabsiisuuf jecha seera tumtoota dirqisiisuu dhaaf, deggertoota prezidaantii duraanii Doonaald Trump Amajjii 6 biilsa mana maree irratti haleellaa raawwatan tuquu dhaan Yunaayitid Isteetis illee rakkoo akkasittii walaba miti jedhan. dimokraasiin keenya hagam laaffataa ta’uu akka danda’u illee arginee jirra jedhan.

Bilinken Naayiroobii dhaa ka’uu isaanii dura, Yunaayitid Isteetis Naayijeeriyaa toora biyyoota mirga walabummaa amantii dhiitan keessaa kan haqxu ta’uu beeksisaaniiru.

Kan Senegaaliin daawwachuun dhumatu imalli Afriikaa kan Bilinken, Yunaayitid Isteetis ka Chaayinaa waliin hanga tokko dorgomtu ardittii keessatti qooda isheen qabdu ijoo guddisuu isa jedhu of keessaa qaba. COVID-19 fi dhukkuboota daddarban ka birooof maallaqi kennitu guddaa ta’us, Yunaayitid Isteetis dhiibbaa isheen naannoo sana keessatti qabdu hagas itti hin mikoofne.

XS
SM
MD
LG