Xurree ittiin seenan

Barattuun yuniversiti Keneyaa Dahaboo Adii Galgaloo mala haawwan dahiisa irratti lubbuu dhabuu dhowwaniin dhoofteen $100,000 badhaafamte

  • Soraa Halakee

Falii Dahaboo Adii Galgalo haawwanii dahumsa irratti du'uu dhowwuuf dhoofte $ 100,000 badhaase

Dahaboon ijoollee Marsabeetiiti.Marsabeeti godina Keenyaa 47n namii keena itti heddatu keessaa tokko.Itoophiyaatti dhiyaatallee. Yuniversti Mohii Naayroobii jirtutti barusma Epidimologyiitiin dirgrii lammeessoo master’s degree barachuutt jirti.

Epidimoloojiin barumsa dhiba nama keessaa,amala dhukkubaatii fi waan fayyaa akka akkaa qoratu. Gaafuma diqqootuu akkamiin nama qaqaaraa jedhee ufi gaafachaa bahee jetti.

Lafa oowwichoo,qolqolaa,dheebichaa ta Keenyaa keessatti dhukkba akka biinniitii fi dhiba warra horii hedduu qorattellee.

Wannii amma isiin badhaafamteen kun waan akka saatii harkaa,akka saldaqaa, ykn ammoo micciiraa harkatti keeyyatan. Ka lootii imuu mormaa waliin keeyyatan,GPS-Global positioning system jedhan. Kanaan akka fayyaa namaa eegu dandahaniin qoratte.

Ganna lamaan duratti hospital Mooyyalee Keenyaa keessatti nadheen 100 caalanitti yoo dhahumsa irratti ijoollee dhabe.Tanatti qalbi na butee jetti Dahaboom.


“Bara 2015 keessaa nadheen 1,042tti hospitaala Mooyyalee keessatti dhale.Kana keessaa nadheen 162 ijoollee isaanii dhala irratti dhaban. Kana keessaa nadheen 40 takkumaayyuu mana akimii[clinic] hin dhandhe,” jetti.

Lafti warra hori kun lafa dhaadhaati,gammoojji hamtuuti.Lafa bal’oo manneen akimii hedduullee hin qamne.Namii akimii yaa’ullee hagii tokko km 50-80 qaxxaamuree dhufa.

Jara kana adoo guluma yaa’aa guluma godaanaa akimanii akkana ijoollee hin dhaban jetti,“Tanaaf jara kana faana deemee akimu malee jedhe,”jetti Dahaboon.

Warra kana gula yaa’anii akimuuf wannii karaa nama qajeelchaa ka akka GPS jiraachuu malte.GPS kanaan “adoo danqaraallee keesa jiraatan nadheen tana hinuma argan.”

Caasaan GPS kanaa hospital Mooyyalee Keenya keessa jira. Hojjattootii fayyaa ammoo nadheen garacha qaban tana km 160 irratti godina Marsabeeti ka haga Mooyyalee gahu cufa keesatti afulaa jarii jiru beekanii akimuu dandhan.

GPS-n kun akkuma GPS makiinaa ogeeyyota fayyaa tana karaa agarsiisa.Yoo jara kana argan ammoo waan niitiin ulfa qabdu tokko argachuu malte akiman.Isii fi ijoollee isiillee walumaan akimaa balaa irraa oolchan.Dahaboon jara kana akimuuf hojjattoota fayyaa Marsabeetii fi Mooyyalee waliin hojjatti.

Akka kanaan ganna lama keesatti miiloti isii haawwan garaacha(ulfna) qaban 200 dhiyaatan haga ganna lamaatti ji’a sagal sagaliin faanuma yaa’ani akiman.

Jara kana qofaa mitii haga ijoollee isaaniillee faanuma yaahanii akiman. Haawwan tun qoraanii fi bisaanillee waraabachuutti jiraatanillee GPS kun gara jarii jiru waan agarsiisuuf dhufanii wallaansa fayyaa kennaniif.

Badhaasa kana dhaaba saayinsii Afrikaa jabeessuuf hojjatu Alliance for Accelerating Excellence in Science in Africa(AESA) jedhanitti biyya Afrikaa 20 wal dorgomsiise.

Dureeyyii Amerikaa dhiirsaa fi niitii Biil Gates fi Melinda Gates faatti dhaaba kana horiin gargaare.

Warrii dorgomu cuftii karaa ummataan gargaaran ka kana fakkaatu hojjatee dhiyeeffate.Afrikaa keessaa nama akka Dahaboo wa uumee hojjtee 8 moo’ee badhaafame.

Dahaboon faatii Ammajii dhuftu keessa huji tana jalqabuuf yaa’an.Hagasitti hujii tanatti nama qaxarachaa,makiinaa hujiin hojjatan qopheeffachaa GPS kanallee hojjatanii waan hedduu qixeeffatan.


GPS isiin biyyaan gargaaruuf deemtu kun baatirii fixatullee aduun ibidda guutata.Namii dhibiin akka Dahaboo badhaafame Senegaalii fi Maadagaskaar keessa jarilleen akraa dhjba ZIKA ka egerii biyyatti dhufuun ufi irraa dhowwuu dandhan qorate.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG