Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daraaraa Ximootiyoos Gubboo Amerikaatti Bulchiinsa Magaalaa Kilaarkison Keessatti Filatamuuf Dorogmuutti Jira


Daraaraa Ximootiyoos Gubbo Joorjiyaatti koree bulchiinsa magaalaatii dorgomuutti jira
Daraaraa Ximootiyoos Gubbo Joorjiyaatti koree bulchiinsa magaalaatii dorgomuutti jira

Daraaraa Ximootiyoos Gubboo Jooriyaatti bulchiinsa magaalaa Kilaarkison tahuuf dorgomuutit jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:58 0:00

Kilaarksion Amerikaa godina Joorjiyaa keessa jirti. Nama kuma 13 caalaati itti qubatee keessa jiraata.

Daraaraan nama barumsa seera addunyaatiin barnoota PhD qabu.Nama jahatti magaalaa Kilaarkisen bulchufu dorgomuutti jira sadii keessaa filan. Namii dorgomu tokko nama Eeritiraati. Namii lama ka duruu lafa tana bulche,name afur ammo ohaaraa.Daraaraan waan hedduu jijjiiruuf hojjachuutti jira

Mana Jireennaa

Joorjiyaa Kilaarkisenitti gatiin manaa akak amalee dabalte. “Nama humna qabu malee jiraachuun dhiba,” carraa jiru akka iyyeessileen mana bitachuu dandahu faluuf hojjadha jedha.

Hujii Poolsii

Kilaarkisen keessa akka Daraaraan jedhetti nama biyya 40 caalaatti keessa jiraata. Hujii poolisii keessa ammo namii biyya alaa diqqaatit keessa jira.

“Akka namii alaa dhufelleen hujii poolisii keessatti heddatu hojjadha.”

Mirga baqataa

Baqataan Amerikaa mirga ufii hedduu hin beeku jedha. Akka baqataan waan isaa malee ykn carraa jiru beeku mirga baqataaf Immigration rights qabdi.

“Amerikaan carraa hedudu qabdii akka namii mirga ufii beeku jabeessuu fedha.”

Daraaraan Itoophiyaa fi Ameriakalleeti seera barate barumsa doktorummaa mirga namaa doctor of human rights qaba.

Namuu waan dhalateef qabaa waan jiraatuuf qaba jedhee “Akka ani amanutti Waaqii nama mirga dhabee akka ani dhaabadhu akka ani hiyyeessaa fi dadhabaa dubbahcuu dandahu na yaame jedhee amana.”

Namii filannoo Amerikaa bulchiinsa magaalaatii dorgomuutti jiru ka dhibiin akka Daraaraan jedhetti Taakkele Goobanaa, Seattle magaalaa Washington dorogma.

Namii dhibiin Daraaraa waliin dorgomuutti jiru lammii Eertiraa, Iyyaasuu Hawaar.

Dhaamsa Daraaraa

Akka Dr.,Daraaraan jedhetti Amerikaatti namuu yaada namii faayidaa keessaa aragatu ka biyyaan jijjiiru qabaannaan waan fedhe tahuu dandha.

“Tana tolchuuf yaada keessan dhiyeeffadhaa hin sodaatinaa duratti deemaa. Waaqii isan gargaarinna.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG