Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daraartuu Tulluu VOAtti gortee wal haasomne durii miila duwwaa cirracha irra fiigaa addunyaa moo'aa baate “obsaa fi kaayoon asi gahe"


Koloneel Daraartuun durii miila duwwaa istaadiyoomii cirrachaa irraa fiigaa asi geette
Koloneel Daraartuun durii miila duwwaa istaadiyoomii cirrachaa irraa fiigaa asi geette

Atileeti Daraartuu Tulluu "obsaa fi kaayootti asiin na gahe." Durii miila duwwaa cirracha irra fiigaa dorgomaa baate
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:10 0:00

Atileetii Daraartuu Tulluu atileetii Boqojjiin horattee Oromiyaa bira dabaratee Itoophiyaa fi addunyaan geette hedduu keessaa ta qaraati.Dorgommii Olompikii Barseloonaa, Sidnii fi metirii hedduu moohachaa asi geette.

Amerikaa dhuftee istuudiyoo VOAtti gortee oduu wal irraa fuune.Daraartuu durii miila duwwaa,istaadiyoomii cirracha irra fiigaa asi gahee jette.

Yoo obsaan,kaayoo qabaatan,ciniinnatan fulaa hin geenne hin qaban jette. “Jireennii bu’aa fi bahii qaba,tolee toluu baatus galma gahuuf obsaan hojjachuu qabda.”

Koloneel Daraartuun amma itti aantuu pirezidaantii Federeshiinii atileetiksii Itoophiyaati. Koloneelummaallee hujii guddoo isii atileetiksii keessatti hojjatteef kennaniin.

Rakkoo atileetota Itoophiyaa furuuf ittuma jirraa jetti.Rakkoon atileetotaa,wayaa ispoortii,horii harkatti leenjiif namaa kennan(pocket money),istaadiyoomii itti leenjihanii fi hedduu.

Isaatdiyoomiin atileetotii itti leenjihan amma kama Finfinneetti jira.“Kun atileetota harka kudhaniifuu hin gahu.”

Amma istaadiyoomii tokko Laga Xaafootti hojjachuutti jiran.Tanaafuu rakkoo atileetotaa hinuma beenna “nuuf obsaa jennaan.”

Koloneel Daraartuu badhaasa dhaabii Siid jedhan qopheessuu fudhachuuf Itoophiyaa dhufte miilota isii waliin dhufte.Warrii badhaafame akka jecha isiitti warra biyaa bu’aa buusee, namaa fakkeenna tahe.

Bara nama uwwaa (dubartii) 14 kenna. Badhaasii kun beekamtii fi waancaa. Waancaan kennamu kun ka Koloneel Daraartuun dorgommii ispoortii addunyaatin tuulattetti dabalamaaf.

Atileeti Daraartuun,haatii Qananii amma nama ganna 47ti.Waancaa fi medaaliyaa ganna 20 caalaa keessatti badhafamte manii gamii tokko guutuu jiraa haga akka taheeyyuu hin beeku jettee kofalte.

“Yoo dhufte ammoo biratti footoo kahuu dandeetta malee keessa hin fuutu,” jechaa akkuma duruu gammaddu kofalte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG