Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abukaatoo: “Mana-hidhaa Qilinxoo Nuti Gube, Jedhaa yokaan Nama Kaan Nuti Dhiheessinu Irratti Ragaa Ba’aa Jedhanii Maammiloota Kiyya Dararan


Faayilii - Hiriira mormii Oromoonii Finfinneetti Hagayya 6, 2016 geggeessan
Faayilii - Hiriira mormii Oromoonii Finfinneetti Hagayya 6, 2016 geggeessan

Hoogganootaa fi miseensota Koongiresa Federaalawa Oromoo mana-hidhaa Qilinxoo keessatti hidhamanii turan keessaa namoonni afur --- eega manni-hidhaa Qilixoo gubatee as kutaa dukkanaa keessatti hidhamanii dararamaa jiran – jedhu – Abukaatoon isaanii. Iyyannaa kanas Jimaata dabre jalqabanii kan mana-murtiitti iyyataa jiran ta’uu kan ibsan – Obbo Wandimmuu Ibsaa, Abbaan-murtiis akka manni-sirreessaa iyyannaa kanaaf deebii kennu har’a ajajuudhaan Wixata, Sadaasa 21tti beellamuu isaa dubbatu. Maammiltoonni isaanii – hidhamtoonni afuran, Gammachuu Shaanqoo Giddii, Cimsaa Abdiisaa Jaafaroo, Galaanaa Nagaraa Jimaa and Darajjee Margaa Dabalee ta’uu kan ibsan – Obbo Wandimmuun, “mana-hidhaa Qilinxoo akka gubanitti akka of irratti ragaa ba’an yokaan nama biraa himatamu irratti akka ragaa ba’an dirqsisuuf maammiloot kiyya afuran dukkana keessatti hidhanii dararaa jiran” jedhu – Obbo Wandimmuun.

Kana cuqaasuun gaaffii fi deebii kana dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG