Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Sagantaa Niyuukilaraa Kooriyaa Kaabaa Ilaalchisuun Hoggantoota Chaayinaa fi Jaapaan Hasofsiisan


Prezidaant Traamp Sagantaa Niyuukilaraa Kooriyaa Kaabaa Ilaalchisuun Prezdaantii Chaayinaa fi Jaapaan Hasofsiisan
Prezidaant Traamp Sagantaa Niyuukilaraa Kooriyaa Kaabaa Ilaalchisuun Prezdaantii Chaayinaa fi Jaapaan Hasofsiisan

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Doonaald Traamp, waa’ee sagantaa Niyuukilaraa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisuun --- Prezidaantii Chaayinaa – Shii Jiinpiingii fi muummicha-ministaraa Jaappaan – Siinzoo Abee waliin qofa qofatti telefoonaan dubbatanii jiran.

Waayit Haawus akka jedhutti, prezidaant Traampii fi giti isaanii ka Chaayinaa – Shiin, galoo galanaa Kooriyaa niyuukilara irraa bilisa gochuutti cicha qaban irra deebi’anii raggaasisanii jiran. Kana birattis, Prezidaantichi Chaayinaa – Shii Jiipping, waa’ee Taayiwaan ilaalchisee akka prezidaant Traamp, akkaataa tokkummaa Chaayinaa hin faallessinetti of eeggannaan akka qaban gaafatanii jiran.

Bara 1979 irraa jalqabee, Yunaayitid Isteets, waa’ee Taaywaan irratti ejennoo Chaayinaan qabdu, kan Taaywaan akka qaama Chaayinaa taateetti beektu kabajjee turte. Torban dabre immoo, meeshaa waraanaa doolaara Biliyoona tokkoo fi qabxii afurtamiii-lama Taaywaanitti guruguruu yaada jedhu raggaasiste.

Gama biraatiin, prezidaant Traampii fi muummichi-ministaraa jaappan - Siinzoo Abee, marii telefoonaan geggeessaniin, akka Kooriyaa Kaabaa daandii hamaa qabattee jirtu kana irraa deebitu kan waliin dhiibbaa godhan ta’uu irra-deebi’anii mirkaneessuudhaan, yoo Kooriyaa Kaabaa haala sodaachisaa uumte yokaan tarkaanfii fudhatte deebii kennuuf qophii ta’uu isaanii hubachiisan.

XS
SM
MD
LG