Xurree ittiin seenan

Ministarri Qonnaa Naayijeriyaa Duraanii Badhaasa Sagantaa Nyaata Addunyaa Badhaasaman

  • VOA

Ministarri Qonnaa Naayijeriyaa Duraanii Badhaasa Sagantaa Nyaata Addunyaa Badhaasaman

Kan doolaara nuusa Miliyoonaa yokaan kuma dhibba lamaa shantama tahu – badhaasa Sagantaa Nyaata Addunyaa bara kanaa – Prezidaantii Baankii Misoomaa Afrikaa – Akinwuumii Adesiinaa tu gonfame. Duraan Ministara Qonnaa Naayijeeriyaa turan – Adesiinaan.

Jireenya qonnaan-bultoota hedduu biyyoota Afrikaa keessaa, keessumaa ka Naayijeeriyaa, biyya dur ministara qonnaa ta’uun tajaajilanii, fooyyessuu isaaniitiif badhaasaman.

Fooyyaa’inni inni argamsiise, oomisha midhaan nyaataa meetrik-toonii miliyoona digdamii-tokkoon dabalsisee, investmentii doolaara biliyoona shanii fi qabxii ja’a hawachuu tu akka Ministara qonnaatti dinqsiifannaa guddaa kenneef – jedhan – prezidaantiin Badhaasa Sagantaa Nyaata Addunyaa – Ambaasaddar Kenet Kuwiin.

Kan yeroo ammaa prezidaantii Baankii Misooma Afrikaa ta’an - Akinwumii Adesiinaa, hojiin bara kurna sanaa ilaalcha argachuu isaatti gammaduu isaanii eeranii, danqaaleen yokaan nokkortiileen Afrikaa dura dhaabbatanii jiran hedduu ta’uu, VOAf ibsan.

Dhimmi guddaan uummata waan nyaatu dhabe ka miliyoona dhibba lamaa fi miliyoona shantama ta’u akkamitti akka nyaata qabaatu gochuu dandeenya? ka jedhu. Dhimmi rakkisaan ka biraan immoo, yeroo ammaa kana ijoolleen Afrikaa sababaa hanqina nyaataa quucaran miliyoona 58 tu jira. Ijoon booda gara dinagdee quucaraa ta’eetti akka nu geessan beekamaa dha - jedhu – Adesiinaan.

Maallaqni Afrikaa keessatti hojii irra oolofamu yokaan investiisamu nyaata ala irraa galchuuf otuu hin taane nyaata oomishuuf oolfamuu qaba – ejjennoo jedhu cimsanii ka deggeran – badhaafamaan – Badhaasa Sagantaa Nyaata Addunyaa bara kanaa -- Akinwuumii Adesiinaa “hojiin fuul-dura keenya duraa nu eeggatu, akka Afrikaan guutummaatti nyaataan of dandeessu fi dargaggoota ishee hedduuf abdii badhaadhinaa taatu taasisuu dha” jedhan.

XS
SM
MD
LG