Xurree ittiin seenan

Lakoobsi Naga Eegdota Daarfuuf Gad Xiqqaachuuf Jira: Gola Naga Eegumsaa

  • VOA

Lakoobsi Naga Eegdota Daarfuuf Gad Xiqqaachuuf Jira: Gola Naga Eegumsaa

Golli naga eegumsa kan tokkummaa mootummootaa gurmuu naga eegumsaa Sudaan naannoo Daarfuritti bobba’e dhibba irraa harka soddomaan gad xiqqeessuuf kaleessa sagalee ol aanaan raggaasise.

Hanqisuun lakkoobsa naga eegudotaa Daarfuur kun dabaree dhaan ta’uuf jira.

Golli naga eegumsaa haala daarfuur keessaa itti dhiyeenyaan hordofa.

Wixineen Briteeniin qophaa’e kun haala nageenyaa Daarfuur keessaa irraan kan ka’e yoo ta’u dhiibbaa Yunaayited Istaates tokkummaa mootummootaa irra keesseeni. Kun is hojii naga eegumsaa gamasiif ba’aa kan ture doolaara miliyoona 600 hambisa.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guterees xumura waggaa kanaa lakkoobsi itti dabalaa gad xiqqaachuu fi dhiisuu irratti gola naga eegumsaaf gabaasuuf karoorfataniiru.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG