Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanii Mootummoota gamtoomanii dhimma Tigraay irrati ibsa baase


Dhaabbani Mootummoota Gamtoomanii odeeffannoo hojjattoota isaa Tigraay keessa jiran waabefachuudhaan ibsaa kenneen Addi Bilsumaa Uummata Tigraay garaa naannoo Affaar fi Naannoo Amaaraatti tarkaanfachuu isaatiin wal-qabatee haallii yeroo amma Tigraay keessa jiru akka tasgabaawaa hin taane himeera.

Akka ibsii dhaabatichaa jedhetti, akkaataan gargaarsi tigraayiin seenuu danda’u karaa Affaariin qofa. Innis taanaa sakata’iinsii cimaan waan jiruuf guyyatti kan darbuu danda’uu konkola’ataa 30 ol akka hin tane kan himee ibsichii, rakkinaa amma Tigraay keessa jiru irraa kan ka’e guyyatii konkolatootaa midhaan nyaataa, boba’aadhaa fi kanneen boroo fe’an 100 tu seenuu qaba ture jedheeraa.

Rakkinni bilibilaa, baakii fi boba’aa, sochii gargaarsaa irratii daanqaa ta’uu isaanii kan beeksisee ibsi Mootummoota gamtoomanii kun, yeroo ammaa ojjattooni dhaabichaa 457 akka Tigraay keessa jiran himeeraa. Gareen fayyaa 29 namoottan 50,000 ol buufata fayyaa 72 fi mooraa namoottan qe’ee isaanii irra buqa’anii 47 keessati gargaarsa fayyaa taasisuu isaa ibseera.

Karaa biraatiin garee qindeessaa dhimmaa namoomaa motumoota gamtoomanii OCHA jedhamee beekamuu ibsa wal fakkataa baase keesatii, yeroo amaa Finfinnee iraa gara Maqaleettii torbanitii guyyaa lamaa balaliin xiyyaaraa dhaabatichaa akka taasifamaa jiru ibseera.

Dhaabileen miti mootummaa 35 Tigraay keessaa akka socho’aa jiran kan ibsee OCHAn isaan keessaa 29 dhaabilee adduunyaa yemuu ta’an kan biyya keesaa 6 jedheeraa.

Karaa garagaarsaa midhaan nyaataatin Hagayya 5 hanga 11 namootan Miiliyoona 1 ta’an qaqqabuun akka danda’ame kan hime ibsii OCHA kun, namoota 184,000 gargaarsii bishaanii tasifamuu isaa fi ijoollewan 10,000 gargaarssi wanneen baruumsaaf fayyadanii taasisamuu isaa ibseeraa.

XS
SM
MD
LG