Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raga Baatoota Dhaggeefachuun Kamiisa Amajjii 5 bara 2017 Xumurama: Abuukaato


Faayilii - Mana Murtii Olaanaa Ka Federaalawaa, Finfinnee
Faayilii - Mana Murtii Olaanaa Ka Federaalawaa, Finfinnee

Hogganoota paartii mormituu kongreesa Federaala Oromoo fi kanneen biroo irratti raga baatoota dhaggeffachuun har’a mana murtii olaanaa kan Lidataa keessatti itti fufee jira.Abukaatoo Abdul jabbaar Huseen akka jedhanti Obbo Dajanee Xaafaa Obbo Addisuu Bullaallaa fi Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti ragaan kan dhiyaate yoo ta’u Obbo Baqqalaa Garbaa irratti kan dhiyaate hin jiru.Kunis ragaa namaa ta’u hubachiisan. Abukaatoo Wandimmuu Ibsaa gama isaaniin akka jedhanti raga baatoonni dhiyaatan himatamtoota mata mataatti adda baasanii otoo hin taanee walitti qabanii ragaa akka ba’an kana malees bellamnii kennamu kabajamuu dhabuu akka rakkootti maqaa dhahaan.

Kanneen mana hidhaa Qilinxoo guban jedhamnuu himataman 38 keessaa hangi tokko torban darbe kaan immoo har’a dhiyaachuu isaanii kan ibsanii Obbo Wandimmuun dararaa hamaa kan irra ga’aa jiru ta’u ifatti mana murtiitti waan himatan jedhan.Kanaaf jecha abuukaatoon rakkoo hidhamtoonni dubbatan kana barreessee akka dhiyeessu manni murtii ajajauu isaa dubbatan.Himannaalee dhiyeeffatan keessaa reebicha dararaa adda addaatu nu irratti rawwatamaa, mana dukkana keessatti hidhamnaa, nyaata guyyaa tokko gidduun ooluun nu kennuu kan jedhu yoo ta’u qaamaa saalaa irratti bishaan hidhuu rarraasu kan jedhan illee ni jira.

Manni hidhaa qilinxoo garu kun hin taane soba jedhee haaluu isaa kan ibsan obbo wandimmuun abukaatoon isaanii waan argee barreessuun maqaa mana hidhaa xureessa deebii jedhuus kennuun manni murtii abukaatootti akeekkachiisa barbaachisu akka kennu gaafatan jedhu.

Deemsii raga-baatoota dhaggeefachuu kunis Kamiisa fullee keenyaa jechuun Amajjii 5 bara 2017 akka xumuramu manni murtii beeksisee jira .

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffahdaa

XS
SM
MD
LG