Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummee Ministeraa Abiyii fi pirz.,Lammaan imaltuu US yafixtan Oromoon Itoophiyaa ijaaraa Afrikaayyuu Gadaan bulchuu dandeetti jedhan


Muummee Ministeraa Dr., Abiy fi pirz.Lammaa: Oromoon biyya diiguu dhiisii Afikaayyuu hin jaara

Dr Abiyii fi pirez. Lammaan Oromoon Itoophiyaa jaaruu qofaa mitii Afrikaayyuu sirna Gadaatiin bulchuu dandeetti jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:55 0:00

Muummee ministera Itoophiyaatii fi pirezidaanti Lammaan yoo Minisoota, Miniyapoolisitti keesatti Oromoon kora waliin taa’anitti waan hedduu wal haasahan.

Obboo Lammaa: Orommon rakkoo hedduu keessa baate asi geette.Dr., Abiy rakkoo Oromoo osoo barreessinee kitaaa kuma tokkotti baha.

Obboo Lammaa:Rakko bara dhibba hedduu keessa turre. Ammaan booda rakkoon kaleessaa, cancalii kaleessaa akka nutti hin deebine bu’uura kaahuu qamna.

Dr.,Abiy: Oromoodhaan bulchii,geggeessii,ijaari jedhameetuu baayateetuu uumamee kaayyoo tana irraa ufi fageessuun nu hin fayyaduu jedha.

Taatullee akka pirezidaanti Lammaan jedhetti rakkoon Oromoo gargar bahiitii Oromootti dhufeen.

“Haatii nu deesse raammoo hin deenye, ilmoo namaa nu deesse. Kabajaa fi ulfinna saba keennaatif nu deesse.”

Oromoon amantii keessatti ufi argee Oromummaa ammoo itti dhalate jedha.

Dhalii Oromoo cuftii akka rakkoon kalee hin deebine ‘ani saba koof maan hojjadha jedhee ufi gaafachuu qaba.’

“Dhala keenyaaf mal dhiifnee dabarra jechuu qamna, tokkummaa cimaa uumuu dandahuu qamna.”

Namii baruma cufa mataa buusee lafa gaadaa deemuu hin malle akka jecha pirz.,Lammaatti.

“Abdii qabaachuu qamna. Hafuura kanaan guutamuu qamna. Nyaachuu olitti, biddeenaa olitti, daaboo olitti ulfinnaan mataa oli baafannee ufi mullisuu qamna.”

Achi gahuuf ammoo wali obsuu fi wal jajjabeessuutti asi aana jedhan.

Dr Abiy rakkoo Oromoo Arbaan wal bira qaba. “Nuti arba kufuu hin qamnuu,kufnaan ufi duwwaa osoo tahin inni kaanis hin bada waan taheef dhaadaabachuu duwwa osoo hin tahin baachu akka dandeennuu yaaduun barbaachisaadha.”

Akka Dr., Abiy jedhetti Aksuum Oromootti jaare.“Aksuum jechuun bakkaclha. Bakkalchii Boorana keessa jiru, Aksuum jechuu.”

Akka Dr., Abiy jedhetti Oromoon dhiibamma dhiibamee jennaan lafa diqqoo gaafata malee Itoophiyaa jaaruu dhiisii Afrikaayyuu jaaree seera walqixummaatii fi Gadaa Oromootiin bulchuu dandaha.

Warrii Oromoo jibbuu ammoo akka Dr.,Abiy jedhetti,Oromoon biyya diiga, Oromoon gaafii ufii malee gaafii biyyaa hin qabu, Oromoon fottoquuf qabssahaa jedhee maqaa balleessaa bahe jedha.

“Oromon kaleessa biyya jaaree…mirga namaa kabaja akkasitti uumame. Bulchii geggeessi jedhamee jaarame.”

“Keenyaa keessaa sabni Oromoo ummatii Booranaa baayyeettuu jira innis si eegachaa jiraa,Ugaandaanis sii eegaa jriaa,Taanzaaniyaanis si eegaa jiraa. Oromoon dachee Afrikaa keesatti bittinnahe baayyeetti jira.”

"Geggeessitoonnii biyya Afrikaa lama dhiyeennatti arge nuti Oromodhaa naan jedhani jira.Nama hedduutti qaani jedhee ufi dhokse malee name baayyee dhufaa jira.”

Rakkoon Oromoon keessa jirtu adoo barreessanii akka Dr., Abiy jedhutti kitaabii kuma tokkoo taati.Rakkoon tanaan ammoo Oromoon tokko taate.

Dr., Abiy imaltuu Amerikaa fixatee galee jennaan Amerikaatti dallaa jibbaa jissanii riqaa tokkummaatii fi jaalalaa jaaruutti jiran jedhee media biyya keessatti hime.

Namii Itoophiyaa ka biyya alaa jiru dallaa jibbaa wal dhaba diigee, riqaa nagaatii fi araaraa jalqabe jedhe.Itti aansee ammoo namii Amerikaa gama Kaabaa dallaa sun jissuuf fedhii fi kutannoon adoo nu achi hin gahin burrisa dallaan jissu guurratee nu eegaa bahe jedhe.

Dallaan qaraa akka Dr., Abiy jedhetti DC-tti jige.“Ka lammaffaa Los Anjeles keessatti jige.Miniyapoolisitti ammo dallaa hafe caacccabsinee caaccabaa lafa guruutti jiran.

Taatullee waan hafetti jira.Awwaara dallaa jigeee achii balleessuu malle.Rigaa jabeesisnee hojjachuu malle itti jira.”

Namii Amerikaa akka muummeen minsiterara jedhetti biyya ufii guddo jaalata; “Imimmaaniin nu geeggessitanii akka ciniinnannee hojjannu nu tolchitan.”

Muummeen Ministeraa waan hedduu hedduu dhaamate.Namii keenna hin tahin hin jiru.Abunee Morqooriyoos Itoophiyaatti deebi’ee dhagaa yayyabaa jaalalaa akka lafa keessa dhaaba.

Yoo lammiin Itoophiyaa biyyatti deebihellee ulfinnaa fi jaalalaan yooyyifadhaa, simadhaa jedhe Dr.,Abiy.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG